Knowing God will give you Victory/ The secret of victory
Knowing God will give you Victory
ICCIITII MOO’ICHAA/ The Secret of Victory
Waaqayyoon Beekuun Moo’icha si gonfachiisa
icciitii wantootaa fi haalota jireenya hafuuraa namaa bitintirsan irratti moo’icha argachuutu bakkee baafamee jira. Beekumsi jijjiirama jireenya namaa irratti fiduuf isa jalqabaaf barbaachisaa ta’ee, inni beekamuun irra jiru garuu isa sadarkaa moo’icha namaa murteessu dha. Waaqayyoon beekuun bu’uuraa fi xumura moo’icha fiixaan bahumsa qabuu ti.
Namni yoo maal barate ykn hammam barate Waaqayyoon sirriitti beekuu danda’a?
Jireenyi moo’icha nama tokkoo maal faa kan of keessatti qabtu dha? Namni tokko immoo waan meeqaa fi yeroo meeqa mo’uutu irra jiraata?
Beekumsa jijjiraama uumu keessatti wanti beekame jireenyaan wal makachuun ykn wal fudhachuun barbaachisaa ta’a. Kana jechuun immoo maal jechuudha? Attamittis ta’uu danda’a?
Namni tokko biyya fi haala Waaqeffachuu fi kadhachuuf, jireenya waamicha isaatiif ta’u (jireenya Kiristaanummaa isa Kiristoosiin fakkaachuu ta’e) jiraachuuf hin mijanne keessatti attamitti jiraachuu danda’aa? Ogummaa maalitti fayyadamees jirenya moo’ichaa jiraachuu danda’a? Duula fi lola jabaatee guyyaa guyyaatti qabsiifamu icciitiin ittiin injifatan maal ta’inna laata? Gaaffilee kanaa fi kan kana fakkaata baay’eef lallaba sagalee Waaqayyoo kana dhaggeeffachuudhaan deebii/hubannoo garrii argattu.
Waaqayyos jireenya keessan dhiibuu kamuu keessaa kaasee gaara ol ka’aa irra dhaabachiisuu akka inni dana’u nan amana.
Kanaafuu, kadhataa fi qalbifataan akka caqastan jaalala Waaqayyootiin affeeramtaniittu. Homaa itti hin baaftan, bilisaan harcaafattanii ofiifis ta’ee maatiin waliin itti dhimma bahuu dandeessu.
Waaqayyoon beekuun moo’icha si gonfachiisa!
Gaafa ati Waaqayyoo wajjin taatu, ykn gaafa Waaqayyo sii wajjin ta’u, Waaqayyotu diina diinota keetii ti.
Itti gaafatamummaa jireenya kee hundumaa Waaqayyo waan fudhatuuf, jireenyi kee wabii jireenyaa qabaachuu isaa qofa otuu hin ta’in, jireenya moo’ichaa argachuun kee dabalaa adeema.
Tarii wantoonni ati jireenya kee har’aa borii keessatti mo’achuu barbaaddee wal’aansoo ittiin qabdu, haa ta’u iyyuu malee hamma ammaati dabaree wal-mo’ataa jiraattan, tuujuba Waaqayyoon beekuu keessa gaafa ati lixxu, miilla kee jalatti argita. Waaqayyoon beekuun kee moo’icha kee ta’a.
Namni kamuu dandeettii fi jabina ofii isaatiin Waaqayyoon beekuu bira ga’uu hin danda’u, garuu yeroo Waaqayyo irraa dhaggeeffachuu baru, beekumsi Waaqayyoo keessa isaatti uumamaa, amantiin keessa isaatti guddachaa fi dubbiin Waaqqayyoo amantiidhaan jireenya isaa wajjin wal fudhataa adeema.
Kun immoo wantoota inni qofaa isaa otuu ta’ee mo’achuu hin dandeenyee fi eebba inni maal iyyuu yoo goodhe bira ga’uu hin dandeenye isa gonfachiisa. Siinis Waaqayyoon beekuun moo’icha si gonfachiisa!
Namni jireenya moo’ichaa bira ga’uuf, waa’ee Waaqayyoo maal beekuutu isa barbaachisaa? Utuu seerrii fi abboommii eeguun ba’aa guddaa namatti hin ta’in, Waaqayyoon gammachiisaa fi jireenya moo’ichaan guutuu ta’e jiraachuun akkamitti danda’amaa? Barsiisa dubbii Waaqayyoo kana keessaa waan isin gargaaru ni argattu jedheen amana.
Waaqayyoon beekuun Yasuus Kiristoositti amnuu irraa jalqaba, kun immoo jireenya bara baraa ti. As keessatti Waaqayyoon beekuu inni jedhamu kun isa namni dubbii Waaqayyo iraa dhaga’ee fi amaloota Waaqayyoo amantii isaa wajjin walsimachiisee jiraatudha.
Yeroo ati Waaqayyoon dhageessu jijjiiramni jireenya kee keessatti uumamu guddaan tokko, “nagaan kee akka yaa’aa galaanaa ta’a!” (Isa.48/18) Haala, yeroo fi iddoo kamittuu nagaan Waaqayyoo jireenya kee keessa guutee lola’uu isaa irraa kan ka’e gammachuun kee eegamaa ta’a! Atis boqonnaa isa dhugaa jireenya kee keessatti argachuu jalqabda.
Goofataan keenya Yasuus jireenya moo’ichaa Inni biyya lafaa kana irratti jiraatee darbe irraa akka barannuuf affeeramneerra. Gooftaan Yasuusis, “Anarraa baraa” jedhees nu gaafateera. Kun immoo akkuma Yasuus ergama Isaa biyya lafaa kana irratti moo’icha guddaan xumuree gara mirga Abbaa Isaatti ol bahe, akkasuma nuunis adeemsa jireenya biyya lafaa kanaa moo’ichaan xumurree gara ulfina bara baraatti darbuuf icciitiin moo’ichaa nuuf mul’ifameera.
Ati jireenya kee keessatti moo’ichaan deemuuf dheebochaa jirta? Wantoonni wal’aansoo siin qaban hunduu, iddoo fi kaayyoo kee irraa waan gad-si buusuuf humna qaban sitti fakkaataa jiraa? Waaqayyo ulfinaa fi guddinaaf akka si waame otuma beektuu, karaan ittiin jireenyicha keessa jiraatan si harkaa badee jiraa?
Doorsisoo, sossobbii fi gowwoomsaan Seexanaas jireenya kee bitaa sitti galchuu fi kakuu kee si shakkisiisuu barbaadaa jiraa? Asham! Waaqayyo karaa ati ittiin moo’icha argattu, sagalee isaatiin bakkeetti baaseera.

↪️Icciitii Moo’ichaa: Waaqayyoon beekuu!
2Phex. 1/3-9 (Dubbisuun haa jalqabnu)
Lk 3. Waaqayyo nu waameera.
Waaqayyo inni nu waame kun immoo Waaqa isa Ulfina fi humna dinqisiisaa qabu dha.
Ulfinaa fi umna Isaa isa dinqisiisaa kanaanis nu waame. (ulfinaan nu waame jechuun maal jechuu dha?)
Haalli nuti keessa turre salphaatti kan keessaa nuti humna ofii keenyaan baanu hin turre. Garuu Waaqayyo inni humna dinqisiisaa qabu kun humna Isaa isa dinqisiisaa sanaan jireenya nuti keessaa bahuu hin dandeenye keessaa nu waame. Haalli nuti keessa turre, akka Waaqayyo nutti fedhii godhatee nu waamu kan godhu hin turre.
Ulfinni Waaqayyoo fi humni Isaa garuu haalota jireenyi keenya isa biratti fudhatamaa ta’uu akka hin dandeenye godhan mara mo’ee/injifatee akka waamichi Isaa nu qaqqabu godhe.
Nu immoo ulfinaa fi humna Isaa kana irraa kan ka’e (divine influence is here) waamicha kana fudhannee gara isaa dhufne.
Yeroo dhufnes, Waa’ee Waaqayyo kanaa waan gadi fageessinee beeknu hin qabnu, ulfinnii fi humni isaa dhiibbaa inni nurratti uume irraa kan ka’e, sagalee waamichaa nu qaqqabe qofa dhageenyee dhufne.
Sagaleen waamichaa ykn Wangeelli fayyinaa (inni akkaataa garagaraatiin gara keenya dhufe ykn nutti lallabame) kun beekumsa gadi fagoo otuu hin qabaatin iyyuu gara Gooftaa akka dhufnu nu godheera.
Kanaaf erga dhufnee, Waaqayyoon baruutti gadi teenye. Waaqayyoon baruutti guddachuunis hojii keenya isa jalqabaa fi guddaa ture. Sababi isaa, akka barsiisa Gooftaa Yasuusittis, “Jireenyi bara baraa Waaqayyoon beekuu, Ilma Isaattis amanuu dha” waan ta’eef (Yoh.17/ 3). Jireenyi bara baraa waa’ee jireenya isa Waaqayyoo wajjin bara baraan jiraachuu ta’ee ti. Waaqayyoo wajjin jiraachuu gaafa jalqabnu immoo Isa baruun nu keessatti guddachaa adeema.
Akkum kana, yeroo itti Waamicha Sagalee Wangeelaa dhageenyee dhufne, jireenyi keenya hanqina baay’ee qaba ture. Sabani isaa utuu gara waamichicha simachuu hin dhufin dura, wanti nuti duukaa bunee ariyaa turre, isa ofii keenyaa barbaannu malee wanta dhugumaan nu barbaachisu hin turre.
Kanaaf sagaleen Wangeelaa inni gara keenya dhufe, wanta jireenya keenya barbaachisu baay’ee nutti agarsiise ija keenya ibse jechuu dha. Kana irraa kan ka’e, amma isa barbaadaa turre duwaa utuu hin ta’in isa dhugumaan nu barbaachisu hin beekin jiraachaa turuu keenya hubanne.
Haa ta’u iyyuu malee, Waaqayyoon baruu bira gaafa ga’aa adeemnu, wantoonni nu barbaachisan hundumtuu nuuf kennamanii akka jiran bira geenye. Kanaaf, Waaqayyoon beekuu keessaan wantoota nu barbaachisan hundumaa iddoo isaan jiraniitti arganne. Nuuf mul’atan, kan keenya godhachuus dandeenye.
Waaqayyo egaa wanta nu barbaachisan hundumaa otuu keessaa hin hi’risin nuuf kenneera!
Maaliif beektaa?
Waaqayyo kan inni wanta jireenyaa keef barbaachisan kana hundumaa siif kenneef sababii gurguddootu jira. Waaqayyo gara itti si ceesisuu barbaadu qaba.
Gara Waaqayyo itti si ceesisuu barbaadu kana bira immoo akka ati hin geenyeef, adamsamuutu jireenya kee irra jira.
Hubadhu, Waamichicha dinqisiisaa sana fudhattu iyyuu, amma illee biyya lafaa keessa jiraataa jirtaa! Haalli biyya lafaa ati keessa jiraattu kun ittiin guutamte immoo manca’ummaa dha. Manca’ummaan biyya lafa kana keessa jiru immoo akka namni “jireenya bira hin geenyee” fi akka namni “nama Waaqayyoo hin taane” godha. Kun immoo faallaa isa Waaqayyo itti nu waamee ti.
Waantoonni biyyi lafaa itti fayyadamee kana godhu immoo isa nuti “kan keenya godhachuuf itti gaggabnu” baay’ee nu dura qabuudhaan. Wantoonni kunniin immoo baay’een isaanii wantoota nuti barbaannu dha malee wantoota nu barbaachisan miti. Isa kana warri economics baratan, “Needs and greeds” jedhuun.
Kanaaf, wanta nu barbaachisu dhabnee gara biyya lafaa akka hin ilaalleef, Waaqayyo isa beekuu keenyaan wantoota jireenyaaf barbaachisan hundumaa nuuf kenne. Kana gochuun Waaqayyoo egaa akka nuti, “jireenya bira geenyuuf, namoota Waaqayyoo nu gochuudhaaf”.
Egaa kennaa Waaqayyo siif kenne kamuu yoo ilaaltee lakkoofte, inni ati amma kennaa ta’uu isaa hubattee lakkooftuu fi hin lakkoofne hunduu kan isaan siif kennamaniif akka ati “nama Waaqayyoo” taatu, achumaan immoo akka ati “jireenya bira geessuuf” dha.
Waaqayyo amma wanta si barbaachisu hundumaa siif kenneera. Waan ati hin argatin jirtus, kan hafe illee yoo jiraate, akka sagalee kanaatti sadarkaan Waaqayyoon beekuu kee akkuma guddataa adeemuun akka argattu dha.
Waaqayyo immoo wanta ati barbaaddu hundumaa otuu hin taane, wanta si barbaachisu siif kenne! Inni Waaqayyo siif kenne hundumtuu immoo gara ‘nama Waaqayyoo ta’uudhaan gara jireenyaatti si geessuuf’ si gargaarani dha.
Kana jechuun immoo kennaan Waaqaayyon beekuu keessaan ati argatte kunniin kallattii lamaan gargaarannii “jireenya biraan si ga’uuf” siif gadi-dhiifaman (lk.4 ilaal):
1)Badiisa/manca’iinsa jalaa si baasuudhaan fi
2)Amala Waaqayyummaa keessaa si hirmaachisuudhaan.
↪️ Badiisa jalaa si baasuudhaaf
Biyyi lafaa kun manca’insa (badiisa, Ing.
Corruption) guddaadhaan guutamtee jirti. Sadarkaan jireenya manca’insaa ishee keessaa kun immoo ittuma fufaa fi dabalaa waan deemu, namoota hundumaas of jala galchuuf kan hojjetu dha. Inni asitti badiisa jedhamee hii kame kun, karaa malee deemuu fi jiraachuu; naamusaa fi sansakkaa jireenya Waaqayyoo wajjinii keessa ala bahanii jiraachuu dha.
Jireenya “badiisaa” kanaaf immoo sababaa fi humna dugda-duubaan oofu kan ta’e immoo “kajeellaa foonii” ti. Foonni yeroo hundumaa waan kajeele argachuuf yaalii inni godhu, biyya lafaa kanaa badiisaan (naamusa hafuuraa dhabuudhaan) guuteera.
“Kajeellaan foonii” faallaa fedha hafuuraa ti. Gama biraadhaan immoo badiisni (naamusa hafuuraa dhabuun) kajeellaa foonnii “badiisa” (balleeffamuu) keessa nama buusa. Mee Gala.6/8 dubbisi. “Namni akka yaada foonii isaatti facaasu, yaada foonii isaatii sana irraa badiisa (balleeffamuu, Ing. distruction) in galfata; akka yaada hafuuraatti kan facaasu immoo yaada hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata”. Kun kan agarsiisu kajeellaa foonii qofa hordofuun akka balleeffamuutti nama geessu dha.
Kajeellaan foonii inni namummaa namaa keessaa wal-lolu, hariiroo jireenya namaa baa’ee diiga. Keesssa namaatti lola ni uuma, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjinii fi kan obboloota gidduu jiru irratti illee rakkoo ni uuma.
Kana immoo Seexanni akka carratti itti fayyadama. Mee Ergaa Yaaqoob 4/1-3 (booda garuu guutummaa isaa) dubbifadhu. “Wal loluu, wal qoccoluus maaltu isin gidduutti fidee? Kajeellaa keessan isa bu’aa dhagna keessannii keessatti wal lolutu kana kaasa mitii ree? Waa kajeeltu malee hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan.
Nama qoccoltu, nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan dhiiftaniif, wanta barbaaddan qabaachuu in dadhabdan. Yoo kadhattan immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif, hin fudhattan; isin kajeellaa keessan ittiin ba’uudhaaf yaaddanii in kadhattu.”
Agartaa akka itti kajeellaa fooniitiin mo’amuun hariiroo jireenya namaa miidhu! Lolli keessa namaatti jalqabe bahee yeroo namoota naanno keenya jiran irratti dhiibaa uumu, yeroo immoo dandeetti Waaqayyoon waa kadhannee harkaa fudhachuu keenya itti dadhabsiisu! Kutaa kana keessatti yaadi akkas jedhu ibsameera: Utuu Waaqayyoon kadhattanii waan salphaatti argachuu dandeessan isin immoo kajeellaa keessan daftanii guuttachuuf jettanii hawwiidhaa fi ajjeechaadhaan jalqabdan. Haa ta’u iyyuu malee karaan isin filattan kun, isa isin barbaaddan akka argattan isin hin goone.
Garuu ittuu caalchiftanii jireenya namoota biraan wal qoccoluu fi wal loluu keessa seentan; kunis karaa isiniif milkaa’u hin taane. Waanta kan keessan hin taane kan keessan godhachuuf ofuma namootaa wajjin wal lolaa ooltu.
Karaa kasseeniin gaafa dadhabdan immoo, gara Waaqayyoon kadhachuu dhaqxu. Isaanis hin argattan; sababni isaa yeroo kadhattan, yadni keessani (your motives) kajeellaa keessan ittiin guuttachuudha malee bu’aa fi sababaa Waaqayyo wanticha itti isiniif kennuuf itti dhimma bahuuf miti. Waaqayyo immoo yaada (motive) hamaadhaan warra kadhataniif hin kennu! Gama kanaan, kadhani keessanis isin hin gargaaru!
Maal ree falli?
“Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqataa. Waaqayyootti dhiyaadhaa, Innis isinitti in dhiyaata. Isin warri cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa.
Isin warri garaa walaalammii, garaa keessan qulleeffadhaa. Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, booa’aa! Kolfi keessan boo’ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu.
Goofticha duratti gad-of deebisaa, Inni ol isin in qabaa!” (Yaaqoob 4/7-10) “Akka Waaqayyo duratti fudhatamutti gadduun, yaada garaa geddarachuu fida; inni immoo gara fayyinaatti geessa malee, nama hin gaabbisiisu; akka biyya lafaa keessatti fudhatamutti gadduun garuu du’a fida” (2Qor 7/10) Dabalataani kanas dubbifachuu dandeessa 2Samuel 12/13; Hisq.18/27-30; Yon 3/10; Luq15/10)
↪️ Amala Waaqayyummaa keessaa akka hirmaattuu
Kun immoo Kennaan Waaqayyo Isa beekuu keessaan siif kenne, akka ati amala isaa keessaa hirmaattu: barabarummaa, qulqullummaa, qajeelummaa fi jireenya olaantummaa biyya lafaa fi amala isaa irratti qabu akka ati jiraattu si godha.
Kanaaf immoo “adbiin gurguddoo fi gati-qabeenyiin” siif kennamaniiru. Eebbaa fi ulfina guddaatu Waaqa irratti illee si eeggata. Gooftaan Yasuus deebi’ee dhufee si fudhata. Warra Waaqayyoon jaallataniif isa qophaa’e iji namaa hin argine, gurri namaa takkaa hin dhageenye, yaadn namaas bira hin geenye! Abdiin kun hunduu kan kee ti!
Egaa jireenya Amantii itti waamamte kana hojiidhaan agariisuuf, Waaqayyoon beekuun kees kan dhimma baasuu fi kan ija godhatu akka ta’uuf hojiitti hiikuuttis guddadhu!
Waaqayyo isin haa eebbisu!