WALALOO

True Love Novel I love you

I LOVE YOU/SIN JAALLADHA

Mucaa yeroo hunduma obboloota dubara gara waldaa kiristaana deeman karaa irraatti eege rakkisuu tokkotu ture. Mucaan akkuma amala isaa yeroo hundumaa yoo dubara qofaa deemutu arge osoo hin jeeqin hin dhiisu. Guyyaa tokko shammarre qofa gara waldaa kiristaana deemuuf jirtu takka argee akkuma amala isaa jeequf yaali taasise. Mucaan dubara kawwaan irraa nama adda itti taate.

Isheenis nama fuula ifan nama simachuu jaallatudhaa. Kun gurbaaf gammachuu guddaa uume. Ittuma fufe itti haasa’uf carra argattee. Yeroo hundumaa iddichatti eegee eegee dubbisa ture.dhuma irraa gaffii jaalala dhiyyeesef.

Micayyoonis erga itti yaaddeen booda” rakkoo hin qabu ani jaalala keef eeyamamtuu ta’eera”jetten.micaayyoon heddu ogeetti waan taatef salphaatti of kennuu hin yaalle.guyyaa tokko waldaa waliin deemne ilaaltetuma akka baatu si affeereera jetten. Innis “tole “jedhe waadaa seenef.

Guyyaa tokko akkuma waadaa isaa ishee waliin deemuf murtee godhan. Deemsa isaani eegalan
Waldaas erga gahanii booddee seenani Waluma duuka iddoodhuma tokko taa’an. Egaa Waldaa keessatti waan adda mucaa gammachiisutu ture. innis barsiisan wangeela guyyaa sana mata duree “JAALALA” jedhu barsiisa ture. Kun hawwii mucaa waan turef gurraa ergisee yaadaf qablii guutuun dhaggeeffachuu eegale.

Barsiisan wangeelas gidduu gidduutti “mee sin jaaladha walin jedhaa”.jedha ture.mucaanis guddaa itti tole mucayyoo itti maramee sin jaaladha jedhan.
jaalallii barsiisichi jedhufi mucaan yaada jiru dugdaaf garaadha. Ta’us mucaa itti toleera.

Dhuma sagantaa irratti namoota takka waldaa deemani yesuusin fayyisa lubbuu isaani hin godhannef waamichi taasifamee. Mucaanis kaayyoo dhufeef sana ta’u baatus yesusin amane gale.
micayyoodhan walii bilbilu itti fufanii.

Mucaan yoo bilbiluuf jabaadhu amma waan tokkotu sirraa eegama innis barnoota
“Fayyina” maalumma kirstaanumma akka hubatuuf barachuu qabada jetten. Mucaanis tole jedhe baratee xummure. Ammas isheen barnoota tajaajila barachuu qabada jetten.innis, tole jedhee kanas baratee xummure.

Namni kun tajaajila waan eegale fakkaata. Micaayyoon kun amma mucaaf qormaata jabaa tokko qopheessiteef. Innis madaallii ammam akka inni jaalala kiriatos hubaatef fi jaalaluma ishee qofaf carraqu adda baasuf gara mana isheetti affeerra tasifteef.

Innis guyyaa affeerametti kara mana isheetti sokke. Mana seenee buna dhugee laaqana nyaate gale. Guyyaa sana mana micayyoo keessa luqqisiwwaan hedduutu barreeffamee jira ture….

Mucaan barreeffamoota sana hedduu ajaa’ibsifate.isheen cimtuu nama guddina hafuura qabuf kutannoo guddaa qabdu ta’u  hubateera.ishee waliin jireenya isaa akka dabarsus murteesseera.

Haa ta’u malee namoonni kaleessa amala mucaa beekan tokko tokko isheedhan kun amanuuf osoo hin taane fakkatee jireenya kee baleessuuf jedhani isheetti odeessu turan.namni eessa akka ture, eessa akka jiru fi eessa akka dhaqu qabu yaade jijjiramuun hin hafuu mitiree?.karaa baheef maqaan bade hin deebi’uu akkuma jedhan waa’een kaleessa mucicha, micayyootti himananis isheen oduu qofa hin dhageenye hamma jijjirama isaa baruuf mala dhoofte .

Kunis bareeffamoota Mana ishee jijjirtee ammas afferra gootef . Egaa Duraan bareeffamoota “Kiristos nuuf kadhata” Rom 8/34 akkasumas “kiristoos nu ararsa” 1Xim 2/5 jedhutu barreeffamee jira ture.Amma guyyaa inni deebi’uu” kiristos nu kadhatu” akkasuma “kiristos nun ararsu” kan jedhu iddoon jijjiraamee eegame.

Dhufeera! “Baga nagaan dhufete !”Jechuun simatte.Innis “baga nagaan na eegde” jechuun nagaa ho’aan wal simatani seenee ta’ee. asi fi achi yoo ilaalu barreeffamoonni mana keessa faallaa kaleessatti.
Gurbaatti bita gale “Bareedduu koo maalinni barreeffamoonni kun maafa akkana ta’e?”jedhe gaafate.isheenis “bareeda koo duraanuu nan dogoggoree dhugaan akkana mitii, amma naf ifeera; yaada koon jijjiree “jette deebifteef.

Innis “lakki kun matumaa waan ta’u qabu miti attamittin garbummaa dukkana keessa baanetti deebina?”akkuma
Macaafni qulqulluun “
“Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!” Gal. 5/1
jedhe dubbatu garbummaa kanatti deebi’uu nuuf hin malu.kanaaf baareeddu koo waan kana yaada duratti akka deebitu waada naaf gali”jedhe yaada qormaatichaaf qophaa’ee mormee. kun isheef gammachuu uume.

Isa qoruuf yaada qophee akka ta’e itti himun bara ishee keessatti isaaf qooda haadha warrummaa akka fudhattu ababoo gammachuu
isaa laattef. Innis akka akka abbaa warra gaarii ta’uf itti hime.Jaalalli isaani amma ho’adha.Sin jaaladhaan jaalaluma taate.

↪️Waan jibbi ijaaree jaalallii tursuf kumaatama itti rakkata; waan jaalallii ijaare jibbii diiguuf kumaata itti marfata.
ogummaan waan hundaa adda namaaf baasa.

Ogummaadhan waan jireenya namaa mancaasu injifatu.“Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa!” Efe. 5/15 gorsaa Jaalalaaf application kana iddoo Install jedhu xuquu buufadha.

I LOVE YOU

There was a boy who always harassed the sisters who went to church. The boy, as usual, does not always leave without disturbing if he sees a woman walking alone. One day he saw a girl who was going to church alone and tried to disrupt his behavior. The girl became a different person to him from the cowboy.

She is a bright-faced welcoming person. This made the boys very happy. She continued and got a chance to talk to him.

He said “okay “and promised her.

One day they decided to go with her as he had promised. They started their journey
This was a child’s wish and he listened intently.


the love the teacher says and the child is thinking is back to heart. Yet the child liked it.
the boys continued to call each other. The boy agreed and finished his studies. Again she said he should study ministry.He agreed and finished this.

This man seems to have started a ministry. The girl now prepared a difficult test for the boy. She invited him to her house to assess how much he understood Kiriatos’ love and whether he was striving only for her love. “Welcome !”She greeted him.He said “welcome” and entered with a warm greeting. looking here and there, the writings in the house are the opposite of yesterday.

He said “no this is not what should happen at all how can we go back to the slavery we came out of darkness?”as
The Bible says “

He tells her that he is ready to test her and that she will take the role of a wife for him in her lifetime
she gave him his. He told her to be like a good father.Their love is now warm.I love you and you became love.

↪️It takes a thousand times to build hate and keep love; he wraps a thousand things around what love has built to tear down hate.
wisdom makes all things clear.

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *