WALALOO

Walaloo Jaalalaa waqayyoo/ Poems of the Love of God

Waan siif Hima

Beeka haalan tolche
Tokko nan dhokanne
Ifatu natti mul’ataa
Haamileen koo cabne

Sodaadhan guutamee
Innan kaleessa yadda’uu
Akka kaleef har’dha kana
Tasumaa borin koo ta’u

Kaleessa irraan baraa
Har’dhaa ofitti dhaame
Coolaage hin hafuu
Akka biqiltuu ciramee

Kanaaf abdii dhabuu
Gonkumaa raafamee
Abdii guddaa tokko
Inni anatti horamee

Iccitin naaf galeera
Dhoksaan waa maraa
Waaqayyoo ni godha
Yoomuu wanta haara

Eyyeen! ofittan dhaama
Dhaamsa abdii kana
Fageeffadhen dhaha
Takkuu caales faana

Egaa waa siif dhaamu
Sirra illee sin beekuu
Abbumatu of beeka
Akka itti of akeeku

Ta’u hin qusadhuu
Waa tokkon siif hima
Jireenyaf abdiin kutin
Karaan deemsa kumaa

Tokko sitti cufamuus
Deemsa si dhowwate
Waaqayyoo sif bana
Jecha isaan dubbatee

Atumtiin gadi hin taa’in
Hin rafiin abdii kuttee
Uumaa keen hin jedhin
Egaa maaf na uumtee

Kaleessas ta’e har’dhii
Guutuu baatus martuu
Gombisaa dhumnerra
Beeki akka safartu

Galmee kee baneetu
Seenaa kee jijjiraa
Kanaaf waan sif hima
Abdiin kutiin adaraa

𝐘𝐀𝐀 𝐒𝐀𝐁𝐀 𝐊𝐎𝐎

Waaqni hambiseetu
Bara hamaa fi rakkisa
Gadda kana kaasetu
Kolfaan nu hambisa

Afaan qabanne hin hafnu
Gaddinee mataa buusne
waaqani akka namaa miti
Kanumaaf itti dhiifne

Shakkidhan hin jennu
Borin keenya ifa
Amaane dubbana
Wanta haaratu dhufa

Nuf darbaa laata?
Maaf jenna shakkine
Abdii hin kutannu
Isa amma argine

Kaleessas darbine
Ari’atama rakkacha
Guddina nu dhorke
Nutti ta’e xannacha

Garu akkas miti
Bara xiqqoon boodde
Waaqni ni fayyisa
𝐆𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐬𝐚𝐛𝐚 𝐠𝐚𝐝𝐝𝐞𝐞

𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 sin jedhe
Waame si jabeeffadhu
Kee birmataan rabbi
Umaa kee abdadhu

Ol adeeman keenya
Yoo cabu xobbeetti
Alaa galuun dhibee
Yoo hafes bakketti

Ammaf dhokatu illee
Hin badu akkasumatti
Firdiif guyyaan jiraa
Dhugaan kan waaqati

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *