Hammeenya Gaariin Deebisu/Return Evil With Good It’s True
๐ฎ๐ถ๐บ๐ถ๐ถ๐ป๐จ ๐ฒ๐ฐ๐น๐ฐ๐บ๐ป๐จ๐จ๐ต๐ถ๐ถ๐ป๐จ ๐จ๐ซ๐ซ๐ผ๐ต๐๐จ๐จ ๐ฒ๐จ๐ต๐จ ๐ฒ๐ฌ๐ฌ๐บ๐บ๐จ๐จ.
Addunyaa kana irraa kiristaanoota hedduutu jira. Kiristoos garu tokkicha. Akkaatan kiristoos irraa barbaaduuf kiristaanonnii itti jiraatan bakkaa afuritti hiramuu danda’aniiruu. Haa ta’u malee kiristos warra kam akka barbaaduu barreeffamicha keessa argattu.
โช๏ธ ๐๐ก๐ฎ๐ ๐๐ ๐ฌ๐๐ ๐๐ฅ๐๐ ๐๐๐ฌ๐ฎ๐ฎs ๐ค๐๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐๐๐ง๐, ๐ฃ๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐ฆ๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐๐ง๐ฒ๐ ๐ค๐๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐๐๐ง๐.
Waarra garee kanaan kiristaanoota jechuun nama qaaneessa. Kiristaanummaan dhugaa hubachuu keessa dhufa. Dhugaan immoo birmaduu nama baasa waan ta’eef walumaa galattii warra kanaan kiristaana jechuun hin danda’amuu. Haa ta’u malee akkuma hordoftoota yesus kiristoos waldaa keessa waan jiraataniif kiristaanoota jedhamaniiru.
โช๏ธ ๐๐ก๐ฎ๐ ๐๐ ๐ฌ๐๐ ๐๐ฅ๐๐ ๐๐๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ฌ ๐ค๐๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐๐๐ง๐, ๐ฃ๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐ฆ๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐๐ง๐ฒ๐ ๐ค๐๐ง ๐ช๐๐๐ฎ.
Warri kunis birmaduu warra baha miti. Sababiin isaa dhugaa of keessaa hin qaban. Garuu jijjiraama jireenya qabu. Waan kaleessa keessa turan keessaa bahaniiru.
Dhugaa hubachuu baatan iyyuu hordooftoota kiristoos fakkaachuu yaalaniis, ta’anii argamuu hin dandeenye. Umuriin isaan wal ga’ii warra kiristos keessa qaban muraasa. Dhugaa of keessa hin qaban, hin hubanne waan ta’aniif duubatti deebi’uuf carraa baldhaatu isaa dura jira.
โช๏ธ ๐๐ก๐ฎ๐ ๐๐ ๐ฌ๐๐ ๐๐ฅ๐๐ ๐๐๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ฌ ๐ค๐๐ง ๐ช๐๐๐ฎ ๐ฃ๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐ฆ๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐๐ง๐ฒ๐ ๐ค๐๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐๐๐ง๐.
Warri kun immoo maqaan gooftaa afaan keessa hin dhabamu. Waaqayyoo garuu warra akkasumaan maqaa koo waamun nan adaba jedheera. akkasumas warra luqqisiin sammuu isaani guutee warra halkaniif guyyaa lafa hundumatti macaafa dubbisan garuu warra jireenyi kiristaanummaa irraa fagaateedha.

โช๏ธ ๐๐ก๐ฎ๐ ๐๐ ๐ฌ๐๐ ๐๐ฅ๐๐ ๐๐๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ฌ ๐ค๐๐ง
๐ช๐๐๐ฎ, ๐ฃ๐ข๐ฃ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐ฆ๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐๐๐ง๐ฒ๐ ๐ค๐๐ง ๐ช๐๐๐ฎ.
Warra garee kanaan ogeessota jedhee waama sagaleen waaqayyoo, sababiin isaa dhugaa hubatanii birmaduu bahaniiruu. Kadhannaa qabu, macaafa qulqulluu dubbisu, waan gaarii deeggaruu waan hamaa ni mormu. Maalummaa jireenya beeku waan ta’eef akkuma afaan isaanii jireenyi isaanis kiristos lallaba.
Fknf saa’ol nama ture phaawulos nama jedhamu yoon kaase ragaadha. Kanaaf dhugaa sagalee isaafi jijjirama jireenya barbaachisuu jiraachuun kiristaana tokko irraa eegama. Kunis immoo ogeessa ta’uutu barbaachisa.
โEgaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa!โ Efe. 5/15
HAMMEENYA MOO’U
โAni Waaqayyoo dha; ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabatin!โ Lew 19/18
Yeroo tokko pirezedaantii Afrikaa Kibbaa duranii fi badhaafamaan noobeelii nageenyaa kan turan, Neelsan Maandellaan eegdotasaaniitiin,”Har’a laaqana masaraa keessaa hin nyaannu ala deemnee magaala keessaa iddoo tokkoo haa nyaannu” jedhanii ba’an.
Hoteela tokko deemaniis nyaata ajajatani. Hoteela sana keessa namni biraanis nyaata ajajatee nyaatee taa’aa jira. Maandeellaanis yommuu nyaachuuf ka’an eegdota isaanii keessaa nama tokko waamanii akkas ittiin jedhan. “Nama adii sana naaf waamaa waliin nyaannaa” jedhanii waamsisanii waliin nyaatani, namichi adiinis waliin nyaatee bahee deeme.
Eegdotasaa keessaa tokko,”Namichi adiin silaa sun dhukkubsataa natti fakkaata” jedhe. Maandellaanis,”Maaliif jette?” jedhaniin. Eegduun kunis deebisee,”Sila yeroo laaqana nyaannu namichi hoollataa ture, ija keessa ol jedhee nu ilaaluu sodaata,dafqis fuula isaarra dhangala’a ture” jedheen. Maandellaan, “Lakki waan dhukkubsataa ta’eef miti,yeroon mana hidhaa turetti inni eegduu kutaan ani keessatti hidhamee ture.
Yeroon baay’ee reebamee,dadhabee yeroon dhufu nan dheebodha,bishaan naaf kenni jedhee yeroon ani gaafadhu, ‘hoodhu’ naan jedhee fuula kootti fincaansaa naqaa ture. Amma haaloo sana waanan ba’adhu se’ee qaana’ee sodaate” jedhanii deebisaniif. pirezedaantii mandeellan. Seenan kan irraa waa lama haa barannu.
โช๏ธWAAN GAARII YAADUF GOCHUU.
โAmmas yaa obboloota ko,โฆโฆ. waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii ta’e, waanuma galata qabu yaadaa!โ
Filp 4/8
Mandeellaan nama bishaan kadhatee; fincaan isatti naquu haalo bahuu dhiise waliin nyaachu filate waan gaarin akkana.
โช๏ธ HAMMEENYA GAARIN DEEBISU.
โWaan gaariidhaan isa hamaa mo’i malee, hamaan si hin mo’in!โRom. 12/21
Pirezedaantiichi utuu waame hamaa gochuu danda’uu gaarummaan hammeenya moo’achuu danda’ee.
โWaanuma hamaa ta’e dhiisaa!โ
1Tas 5/22
HAAMILEEF
โกNamoota Sagaleen isaani nama hin hawwisifne irraa gaafa dhageessu sagalee kee hin miidhagu hin jedhiniin utuu shaakala sagalee taasiftee caalatti miidhaga jedhanii. Innis caalati yaadni isaa attamiin akka miidhagsu barbaada ni miidhagsaas.
โกNamoota xiqqoo dubbisan irraa waa sii qoodaniif utuu baay’ee dubbiste ammam akka naaf qoodduu tilmaamuu hin danda’uu jedhini dubbisuu itti fufee barreessa addunyaan waamtu keessa tokko ta’uu waan maluuf homaa hinb beektu jettenii haamile hin buusin.
โกHojjeta keetiin homaa hin beektu hin jedhiinnin.ogummaan kamuu adeemsan baratamee gahooma waan ta’eef atti hojjetoota koo keessa tokkoffaadha jedhii aja’ibsiifadhu. innis dhugaa taasisuuf waan carraquuf dhugumaan ta’ee argamuuf ni carraaqa ta’u ni danda’aa.
โกHiriyyaa keetin bagan si qabaadhe ati anaaf hiriyyaa kooti; naman hedduu jaaladhu. ati jireenya koo keessatti gahee gurguddaa taphatteetta boris immoo kana caalaa abdiin qaba jedhinii. utuu hiriyyaan kee bakka siin qabu ta’e iyyuu bakka siif horachaa akka deemuu shakkii hin qabaatin.
Dhaamsi koo
Haamilee yeroo namaa laattu
alagaatu firooma; gaafa haamilee nama cabsituu immoo firatuu alagooma.
Walumaa galatti eenyumaanu hin dandeessu hin jedhiniin. wanti lafa ka’uun danda’amee tokko iyyuu hin jiru. Hunduu bu’aa shaakala keetiti. Haamileen ati waan kam irratti namaaf laattu humna waa hojjechuu qaba. Kanaaf haamilee namaa hin buusin.
GALATOOMAA