How Many Types of Man for Man?
Namni namaaf gosa meeqaa/How Many Types of Man for Man?
1) Fira diina.
Fira kee fakkaatu.
Miidhama kee garuu dhimmanii eeggatu.
Yeroo nagaa tole bade hin jedhani.
Inumaayyuu fira kee fakkaatu.
Qaama si miidhu tokko yoo argatan ni gargaaru. Yoo gufattee gugguufte akka ati kuftu, yoo madoofte akka sitti kulkulu, godhu.
Miidhama keetti fayyadamanii si baddubaasuutti gammadu.
Hulaa rakkinaarratti eeggatanii si waraanu. Okkolaa kee argannaan siin dorgomanii sicaaluu isaanii labsuuf cinqamu. Amala Daawwit utuu hin taane amala Saa’ol qabu.
2) Nam meeshaa.
Ofii isaaniitii yaada mataa isaanii hin qabani, garuu abbuma fedhetu itti michee isaan ergata, hafuura namaatiin guutamanii socho’u.
Isa hamatuufis, isa hammaatuufis, isa ajjeesuufis, isa jibbuufis isa odeessuufis meeshaa gaarii ta’anii hojjetu. Keessumaa jiruun isaanii inni guddaan waan dhaga’an daddabarsanii odeessuudhaan babal’isuudha.
Amala Nahimiyaa utuu hin taane amala Eeliyaashiib qabu.
3)Nam wayiif.
Isaan kun wayiif sitti dhiyaatu. Faayidaa isaanii giddu galeeffatu. Gaafa waa rakkatan duwwaa si barbaadu, waan ofii isaaniitii barbaadan hin qaban taanaan akka ati dhalattee lafarra jirtullee hin beekani. Waan sirraa barbaadan hinbqaban taanaan kuma kuma utuu duuteeyyuu dhimma isaanii miti. Amala warra (Miikiyaas. 3/5) sana qabu.
4)Nam jabaa.
Abbootii mul’ataati, kaayyoo isaaniif cichanii dhaabbatu, namaaf gatii guddaa qabu. Qaamaan, dandeettiidhaan, hojiidhaan, biyyaan yoo sirraa fagaatan illee yaadaan sitti dhiyaatu. Waa’een namaa kan isaanii caalaa isaanitti ulfaata.
Yeroo isaanii, qabeenya isaanii, beekumsa isaanii, humna isaanii fi imimmaan isaaniillee utuu hin qusatiin faayidaa ilma namaatiif of kennu. Isaan kunneen gootota amantii fi namoota dhugaati.
Waa’ee namaa ilaallatee dhoqqee keessatti warqii argu malee warqii irratti dhoqqee hin argani. Dadhabbiikeerra cimina kee ilaalanii si bira dhaabbatu.
Amala Daawit fi amala Gooftaa Yesuus qabu.
Waanuma kamiifuu Waaqayyo hubannaa fii ogummaa nuuf haa kennu!

𝗙𝗶𝗹𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗵𝗶𝗻 𝗯𝗮𝗱𝗶𝗻.
“𝐀𝐧𝐢 𝐡𝐚𝐫’𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐝𝐮’𝐚, 𝐞𝐞𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐚𝐛𝐚𝐚𝐫𝐬𝐚 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐝𝐮𝐫𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐚’𝐞𝐞, 𝐰𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐥𝐚𝐟𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐚; 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐢𝐬𝐢𝐧, 𝐢𝐣𝐨𝐨𝐥𝐥𝐞𝐞𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢𝐬 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐟𝐨’𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!” 𝕂𝕖𝕤. 30/19
Ganda tokko keessa Abbaa manaa, haadha manaa fi mucaa isaanii tokkotu jiraata ture. Galgala tokko balballi maatii kana rurrukutama.
Haati manaas balbalicha yeroo bantu jaarsolii mataan isaanii haarrii baay’ee babbareedan sadi balbala irra dhaabbatan argite. Isheenis “maal isin gargaaru koottaa seenaa” jetten. Jaarsolin kunis deebisanii “lakki hin seennu. Jalqaba Ofii keenya si barsiisna” jedhani ofii isaanii barsiisuu jalqaban.
↪️Inni 1″ ani 𝐌𝐢𝐥𝐤𝐚’𝐢𝐧𝐚𝐚𝐧 jedhama ani mana kee yoon seene abjuun kee hundi galma
siif ga’a” jedhen.
↪️ Inni 2 “𝐌𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐪𝐚𝐧 jedhama ani mana kee yoon seene rakkinaa fi hiyyummaa kan jedhamu tokko illee hin argitu” jedheen.
↪️Inni 3 “Ani 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐧 jedhama
Jaalalaaf immoo ibsi hin barbaachisu” jedheen.
Sana booda Haati manaas “altakka na eegaa abbaa manaa koon mariisisa” jetteen. Gara manaattis olgaltee abbaa manaa isheetti waa’ee jaraa yeroo himtu baay’ee dinqisiifatee, “yaa haadha manaa koo kun carraa hin argamnee dha maallaqa argachuf jedhee kunoo halkaniif guyyaan hojjedha garuu akkan yaade hin taane hiyyummaa keessaa ba’uu hin dandeenye.
Amma immoo Maallaqni ani dafqaafii ture balbala keenya irra dhaabbatee nu kadhachaa jira. Amma ariifadhuutii warra kaan dhiisitii Maallaqicha ol nuuf seensisi” jedhen.
Haati manaas Yaadasaa kanatti walii galtee maallaqa ol galchuuf yeroo deemtu mucaan ishee “Haadha koo Maallaqa ol seensistee abbaan koo akkuma amala isaa sireebaa jiraachuu kee irra guyyaa hundumaa lola isaaf jettee dhiphachaa jiraachuu kee irra 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚 ol galchitee nagaa dhaan jiraachuu siif hin wayyuu?”jedheen. Isheenis takka dhaabattee itti yaaddetu yaadaa ilmaatti walii galtee isheetin,” jaalalli ol galuu qaba” jettee wal mormii baay’ee booddee jaalalli akka olseenu murteessan. Gara Jaarsolii kanaas dhufanii” 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚 kan jedhamtu koottuu seeni” jedhaniin.
Jaalallis isaan hordofee gara manaatti ol seene. Takka turanii abbaa manaa fi haati manaa gaafa of duuba garagalanii ilaalan jarri sadanuu ol seenani dhaabbachaa jiru. Abbaan manaas na’ee” Nuti akka ol galu kan heeyyamneef 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚 qofa dha isin maaf ol galtan?” jedhee gaafate.
Jaalallis deebisee “Ani Jiraannan maallaqnis, milkaa’innis jira isaan kun ana biraa hafuu hin danda’an. Isin anaan filattanii ol galchuu
keessaniin Milkaa’innis, Maallaqnis mana keessan seenaniiru.
Kana booda nagaatti jiraattu hiyyummaa hin argitan waan yaaddan
hundumaattis ni milkooftu. Isin carra qabeessa dha baga gammaddan” Jedheen. Guyyaa jaalalli mana isaanii lixe sanaa jalqabee manni maatii sanaa nagaa fi waan hundumaan guutuu ta’e jedhama.
Dhaamsi koo waanti hundumtuu filanoo irraa madda. Gaariis haa ta’u yaraan; kanaaf filannoo toli malee filannoo hin badin.