Walaloo gaarummaa waaqayyoo/Poems of the goodness of god
Waantoonni addunya kanaa irratti argamaan akka ittin boonne yaadni keenya manca’u fedhu.Haa ta’u malee namni uumama adda waan ta’ef maaliin akka boonu beekun gahe mataa isaa bahu qaba.maalin akka boonu hin beeku taanan maalif akka boonu namtichaf hin gallefi.
✍️ Bifaan hin boonii /of hin jajin
Waaqayyo nama kamuu in jaallata. Akkata jaalala isattis bifa garagara namoota adda addaaf kennera.
Bifa inni kenne kun immoo mudaa kan qabu miti.ega bifni waaqayyo namoota hundaaf kenne miidhagadha.
wal qoodinsan kiyya adda jenne ittin boonun hin barbaachisu.“Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti.” Fak 31/30
✍️ Qabeenyan hin boonin / of hin jajin
Sooressi waaqayyo caala qabu hin jiru. Innis soorummaa isaa kana keessatti nu hiyyeessota harka isaa eegganu nutti hin boonne.gadi bu’e nu barbaade ofitti nu qabe.sooressi inni guddaan kun jechuudha.
Inni immoo mayikiroo sedondii keessatti waan fedhe tolchuuf balleessu kan danda’u dha.kanaaf maaltu ittin boonu nu geessere?
“Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba’uu hin dandeenyu.”1Xim 6/7
✍️Foonin hin boonin/ of hin jajin
Namni kamuu otuu dhukkubee ji’a tokko ciise foon harcaase ka’a.kanaaf foon waan baay’ee qabannef ittin boonu hin qabnu
Maddi dhala namaas biyyoo ture.
“Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata.”Uma. 3/19
“Namni nama amanatu, jabina irree foonii kan abdatu, yaada isaas Waaqayyo irraa kan deebisu abaaramaa dha.” kanaaf,jabina fooni abdatte yaada kees guddumma waaqayyo irraa fuute abaarsa ofitti hin fidin.
DUBBII GOWWAA ISA KIRISTOOSIIN OF KEESSAA HINQABNE IRRA FAGAADHU.
•Dubbii kan Kiristoos hintahin kam irrayyuu fagaadhu.(Dubbiin kan Kiristoos hintaane kamiyyuu dubbii gowwaadha.)
•Dubbii jireenya hinqabne kan afaan gowwaa keessaa ba’u irra fagaadhu,
•Dubbiin amantaa kamiyyuu kan beekumsa aloon guute kan dhugaa waaqummaa akka ati jiraatu sigochuu hindandeenye kamiyyuu jireenya waaqummaa waan hinqabneef irra fagaadhu.
↪️Dubbiin Kiristoosiin of keessaa hinqabne kamiyyuu jireenya waaqummaa gara keenyaati raabsuu hindandahu akkasuma Goofta waliin lafa kana irratti jireenya keenya guyyuufi guutuu keessatti akka nuy tokko intaanee nugodha kanaaf dubbiiwwaan Gooftaa karaa keenya fiduu hindandeenyu kam irrayyuu fagaachuu qabna.
Dubbii gowwaa irra fagachuun dubbii Goofta akka nuy jaallannu fi dubbiichaaf qofa iddoo jalqaba akka nuy kenninu nu godha. Nama dubbii Kiristoos of keessa hinqabne irra fagaatu Fi dubbii Goofta Isa jireenya waaqummaan guutuu Fi Hafuura tahe jaallachuu qabna.
↪️Wantii beekumsa Waaqummaa of keessa hinqabne kan beekumsa seexana gara keenya fidu kamiyyuu Waaqayyoon biratti hinjaallatamu kanaaf wanta Waaqayyo jibbu nus jibbuun irra fagaachu qabna. Waaqayyo muka beekumsa irra gara muka jireenya Isa beekumsa Waaqummaan guutuu akka dhufnu fi IJA mukicha irra akka nuy nyaatnu barbaada.
Har’a mukichi jireenya inni beekumsa Waaqummaan guutuu tahe fi beekumsi Waaqummaa keessa argamu Kiristoosidha kanaaf Kiristoos kana nyaachuu baraachuu qabna, har’a Kiristoos nyaata keenya Isa Waaqa bira nuuf kennamedha. ” Ana buddeenni jireenyaa. “
(Yohannis 6/48).
Buddeenni jireenya inni tahe Kiristoos har’a nuuf barumsa fi beekumsa jireenya of keessa hinqabne utuu hintahin nyaata keenyadha.
Ammuma Kiristoosiin akka muka jireenyaati nyaatnu jireenya waaqummaan guutama deemna isaafis iddoo jalqaba kenna deemna innis iddoo jalqaba nu keessatti argachaa deema. Namni waanuma nyaatu fakkaata, waanuma nyaatu irra ijaarama, akkasuma ammuma Kiristoos kana nyaatnu Isa fakanna, Isa irra ijaarama adeemna.
Jireenyi waaqummaa nu keessa guutuuni fi Kiristoos nu keessatti iddoo jalqaba argachuun dubbii kan Kiristoos hintaanee kan gowwaa irra akka fagannufi akka nuy iddoo hinkennineef nugodha.
” Abbaan inni jiraataan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkuman jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif in jiraata.” (Yohannis 6/57)
Dubbii gowwaa irra fagachuun
Gara dubbii Waaqayyo isa jireenyaan guutuu dhufu yokiis deemu qabna! Dubbicha gara keessatti fudhachuuf immoo Kiristoosiin akka nyaata keenya dhugaati gaafa hundayyuu nyaachuu qabna. Kiristoos nyaata keenya dhugaa Isa dubbii Waaqummaa nu guutuufi jireenya isaan nuguutuudha.
Kanaaf Macaafa Qulqulluu keenya irra dubbii Waaqummaa jiru gaafa hundayyuu dubbisa kadhachuun dubbicha gara keessatti fudhachuun Goofticha gammadu qabna. Karicha ittin dubbicha gara keessoo keenyaatti fudhatnu dubbicha (Macaafa Qulqulluu) dubbisa kadhachuudha. Akkasuma maqaa Gooftaa waamuunidha.
Namni maqaa Goofta waamuu kamiyyuu infayya akkasuma badhaadhummaa jireenyicha infudhhata Isa malees in gammada.” Innoo Gooftaa nama hundumaa ti, warra isa waammatan hundumaafis badhaadhummaa isaa irraa in kenna. Rom 10/12

✍️YAADANNOODHA
Tola kee lakkaa’ee
Hin fixu goonkumaa
Tokko lama himus
Inni hafu kumatama
Garu irraa hin darbu
Amma anaaf galee
Maliifan yeella’aa
Erga kun naaf malee
Carraa carraan olii
An siinan corramee
Alagatu fira ta’ee
Dhigaa keen firomee
Isa namni hin furre
Warrannuu leenji’ee
Yoomiyyu dagadhuu
Dukkanan keessa ba’e
Gaarumma isatu danuu
Gola koo na guutee
Jajuu isaa nan dhorku
Hamaan sun na hatee
Yaadannoodha anaafi
Keessa hin kooti baduu
Du’an Gooftan oole
Isaan bara baran aadu
“Guyyoota jalqaba itti ifa argattanii, wal’aansoo guddaa dhiphina of keessaa qabu obsaan dandeessan sana yaadadhaa!” Ibr 10/32
Ani pilaaxosin miti
Diina fira fakkaatu
Isa ilkaaniin seeqaa
Du’atti nama laatu!
Keessa Koo hubachuudhaaf
Qalbii Kee haqaan biti
Kan qarshiif nama ganu
Ani yihuudaa miti!
Garaa kaasuuf hin fiigu
Wanta meeqa ofitti haree
Si malee waliin dhooftuun
Namni firfaarii bare!
Utuu akka jecha afaaniitii
Pheexiroostu nagaadha
Waan haqaatti cituukoof
Kan na beekutu ragaadha!
Ofiikeefuu ergamtuudhaa
Lafa kaa’an kan teessu!
Madaala shinkurtiitti
Na safaruu hin dandeessu!
Dhala xiqimaa xiqimii! Hattuun qodaa buusii waldaa hattuu mooralii kamiin maqaa namaa kaafti jedhe abbaan Iddoosaa bar tokko!