BARRULLEE

A Good Friend is the way to Success

Karaan Hin Jiru Hin Jedhin

KARAAN HIN JIRU” Hin Jedhin!

“Karaa malee adeemuun hin danda’amu. Dhugaa malee waa beekuun hin danda’amu. Jireenya malee jiraachuun hin danda’amu.”
      Thomas A. Kempis

↪️ Haala akkana jedhu irratti xiyyeeffattee akkas jettee, “Kun karaan ittiin ta’u hin jiru?” Tarii jechoonni kuni sammuu kee keessa jiru: Karaan ittiin dhiibbaa hojii too’achuu danda’u hin jiru.

↪️ Akka ati beekuu barbaaddu kanan barbaadu yeroo hundumaa karaan jira. Tarii salphaa ta’uu dhiisuu danda’a; amansiisaa ta’uu dhiisuu danda’a; ariitiin siif dhufuu dhiisuu danda’a.

Tarii atis irraa adeemuu, bira darbuu, tuffachuu dandeessa. Garuu tasgabbooftee adeemsa kee itti yoo fufte, abdii kutannaa keessaa yoo baate, karicha barbaaduu ni dandeessa.

↪️ Akka ati waadaa ofiif galtu nan barbaada.

Waadaa ofiif gali kana booda, “Karaan Hin Jiru” akka hin jenne. Dhugaan jiru yoo karaan waan hin jirre fakkaateyyuu Waaqa waliin karaan ni jira.

↪️ Yoo ati kristiyaana lammaffaa dhalate taate, hafuurri Waaqayyoo si keessa jiraata. Kalaqni addunyaa kanaa guutuun isa keessa buufatee jira. Sababa inni si keessa buufatee jiruuf, kalaqa sana hundumaatti fayyadamuu dandeessa. Hafuurri Waaqayyoo kallattii ati yaaddu caalatti karaa sitti argisiisuun waan ati yaadde caalaa gochuu akka dandeessu si taasisa. DHAABANNEE OF HAA LAALLU!

Namni hundumtuu keessoo isaa fakkaata. Yoo keessoon isaa bareedaa ta’e ilaalchi inni baasee mul’isuus bareedaadha. Ilaalchi qabeenya nuti keessoo keenyaa qabnu waan ta’eef.

Yoo ilaalcha gaarii qabaatte soorri dhaloonni sirraa sooratan gaarii ta’a. Yoo ilaalchikee ilaalcha badaa ta’e dhaloonni sirraa badiinsa sooratanii, ilmaan badiinsaas ta’anii guddatu.
Beektonni yeroo dubbatan ” Hiriyaakee natti himi egereekeen sitti hima” jedhu.

Kana jechuun namni iddoo buufatasaa fakkaata jechuudha. Oromoon immoo yeroo mammaaku ” Fardi harree faana oolu dhuufuu bara” jedha.

dubbiin kun lamaan isaaniiyyuu wal fakkeenya qabu. Dhaabannee of ilaaluutu nutti jira. Hiriyaan nuti waliin jiraannu maal fakkaata?, maalis dubbata?

Kanarratti Kitaabni qulqulluun” Hiriyaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha.
Dhugaadha! hiriyaan amala walii walii isaa walirra barata, walirraa leenji’a.

Kanaafuu hiriyaan nuti waliin oollu, waliin “fb’fayyadamnu keessatti ‘coment’ wal goonu,yaada qajeelaa qabamoo yaada jaalala of keessaa hin qabne qaba? adda baafachuun dirqama nutti ta’a.

  Tole maal gochuu qabnaree?  Kana hundumaa dhaallee akka hin guddanneef hiriyaa keenya beekuun dirqama.  Hiriyaan kee eenyu? maal hojjata? Maalitti si gorsa? Maalitti si waama? Egereesaa tilaamuu qabda.

Hiriyaan kee amala badaa qaba yoo ta’e gorsitee deebisuu yaali! gorsitee siif deebi’uu dhiisee siinuu gara badiinsaatti kan si geessu yoo ta’e garuu wajjin ooltee atis baduu keerra dhiisii biraa deebi’i! garuu jaaladhu.

   Hiriyaankee amala gaarummaan kan si caalu yoo ta’e itti siqi yerookee dheeraa isa waliin dabarsi! akkumasaa nama guddaa taata waan ta’eef.

Mee kanarratti jechi macaafa qulqulluu yeroon dubbisu baay’ee natti tolu ” Namni ogeessa waliin deemu ogeessa ta’a; Miiltoon gowwaataa garuu in bada” jedha. Namatti in toluu!

  Namni ogeessa waliin oolu ogeessa ta’a, Miiltoon gowwootaa garuu gowwaa ta’uun isaa skakkii malee sirriidha.
Kanaf nutis hiriyaa keenya beekuun murteessaadha.

Waanuma inni fakkaate fakkaannee, wanuma inni dubbate dubbannee, waanuma inni hordofe hordofnee, waanuma inni jaje jajnee, waanuma inni arrabse arrabsinee, bakkee inni itti nu waamu deemuu caala qorree ilaaluu murteessaadha.

  Namni dubbii nama diigu dubbatu inni nama jaalala of keessaa hin qabne waan ta’eef waliin dhaabachuun nun barbaachisu.

Namni dubbii nama ijaaru dubbatu inni ni jaalatama, bara baraanis in dagatamu. Gootichi keenya Haacaluun ” Oromoon biyya diigaaree biyya ijaara malee” kan jedheef waa malee miti. Hayyoonni yeroo dubbatan maal akka dubbatan dursanii beeku. Eessaa fi eenyu biratti akka dhaga’amuuf galma dubbii isaanii itti yaadanii lafa kaa’u.

   Tokkummaa fi jaalalli dhaloota gidduu jiraachuun rabbii fi nama biratti waan fudhatamaadha. Dhaloonni kana jaalatanis namoota fedha rabbii beekan,beekoo fi hayyuudha yeroo jennu kan mamii hin qabne akka tahe beekuu qabna.

   Egaa mee ati maal fakkaatta? Hiriyaakeef, biyyakeef, kan si hordofu maraaf ilaalcha gaarii qabdaa? Irra deebi’een jedha ilaalchi ati hiriyaakeef qabdu maal fakkaata? Ilaalchi ati tokkummaa fi jaalala namootaaf qabdu maal fakkaata?
    Dhaabannee of haa laallu! Waaqa mudaa hin qabne
Qulqulluuf waaqa nagaa
Waaqummaan kee guutuu
Uumamni hundis ragaa

Qooda keenya cubbamte
ofii keetiif bakka buutee
Isa eenyumtuu baanne
ba’aa guddaa nurraa fuutee

Suurraan dachee guuttaa
Simboon kee sodaachisaa
Hafuurri kee nuuf simboo
Dubbii kee nama fayyisa

furii ilmaan namootaa
Abdii adiif gurraachaa
Walqixaa jaalalaan
Simalee eenyutu bulcha

Inni sidha waaqa nagaa
Qulqulluu gooftaa maccaa
Uuma uumamaan dura
galanni haa ta’u siif dachaa

Araarri kee dhuma qabuu
Gaarummaa kee baay’ee
Fannoo keenya nuuf baatte
Nuti du’a sin ollee eyyee

Kan lubbuun lubbuu bite
Waaqni jaalalaaf fayyinaa
Yesus hoola faasikaati
Nutis kanumaaf faarsina

𝐢𝐥𝐚𝐚……
Gaafa rakkoon dhufuu
Yaa nama koo yaa fira
Akka gaaddiduu ta’eetu
Hunduu ni sokka si biraa

Garuu waaqni yeroo fille
Umurii keenya guutuu
Yesusi maqaan isaa
Nu eega nuuf dhimmaa
ija isaa nurraa hin libsatuu.
Eebbifamaa

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *