Milkaa’uuf dhamaatii guddaa yoo si gaafate
ANUMAANUU GINGILCHAA JIRTI!!
↪️ Milkaa’uuf dhamaatii guddaa yoo si gaafate iyyuu dhamaatii kee balleessuuf garuu yeroo muraasa qofa sitti fudhata.
↪️Amalli gadheen yeroo nama jal qabu akka qoosaatti. Keessaa ba’uun garuu gatii nama baasisa!
↪️ Hojiin dogoggaraa kee har’aa sirrii fakkaatee yoo sitti mul’ate bor garuu dogoggora ta’uun isaa siif gala.
↪️ Sanyii gaariitu deebi’ee sanyii ta’uu dhaaf keessaa fo’ama malee midhaan hundumtuu midhaan ta’eef sanyii ta’ee deebi’ee hin faca’u. Faca’us hin margu.
↪️ Jireenya keessaa jireenyi maraan martoos jira. Maraan martoon jireenyaa lafaan martoo ta’ee bakka jal qabaatti nama deebisa.
↪️Namni hojii ati hojjettu hundumaattu harka walitti siif rukutu si kuffisuuf jiraa beeki. Sababni isaa hanqina kee si dhookseera waan ta’eef.
↪️ Namni si’awwaale isa eerga ati lubbuun dabartee reeffa keetti biyyee deebise hin se’iin, inni si kafane malee si awwaale miti. Kan si awwaale garuu nama hanqina kee fi dogoggora kee sitti himuu dhiisetu jiraatti utuu ati lubbuun jirtuu si awwaale.
↪️ Addunyaa haaraan ati waan haaraa irratti hojjettu hin jiru. Wanti haaraan ati addunyaa irratti hojjettu garuu sammuu kee keessa jira.
↪️ Utuu lubbuun qabeenyaan ni bitama ta’ee duuti kan hiyyeessaa qofa ture.
↪️ Osoo deemtuu yoo gufatte of duuba hin deebi’iin! Gufachuun kee hammamta eebba dura keetii si agarsisa
↪️ Osoo of harkaa qabduu bor siifan kenna deebi’ii koottu namaan hin jedhiin! Isaafis guyyaan jira.
Ulaan lammaafaan isa jalqabaa caalu siif banama
↪️Yesuusiin qabaatte Biyyi lafaa na jaallata jette hin abbdatin ! Duraan dursee biyyi lafaa yesuusiin jibbeera.
↪️Waaqayyyoon qabaattee Homattuu hin yaadda’iin ! Jireenyi kee hundi fuuldura waaqayyootti
Dogoggorri inni guddan dogoggoruu kee
Tokkicha dhugaa dubbadhu. dhugaa sanatti dura ofii keetii itti amanuu, itti gammaduu fi akka itti hin saalfanne sirritti beekuu qabda. Kan simachuu diduun akka hin cabnetti, akka hin tuffatamnetti, akka hin daddarbamnetti, akka kabaja hin dhabnetti, cimina qabaachuu kee beekuu qabda.
Akkasitti humna lama horatta. Isa simatu humna ittiin kunuunfattu, ogummaa ittiin turfattu, jaalala ittiin baattu, amanamummaa ittiin tikfattu qabaatta.
Lammaffaan, isa simachuu dide ogummaa, callisa, humna, bulchinaaf ofitti amanamummaa ittiin gaggeessitu horatta. Akka deemu ni eeyyamtaaf, akka simachuu didetti isa dhiifta. Wajjiin raafamuun sin barbaachisu.
Yeroo tokko tokko amalaaf naamusa kee keessatti warra si dhiisuu hin feene ni deddeebi’u. Haga amalaaf fedhii nama kanaa bartetti, baay’ee xiyyeeffannaa itti kennuun barbaachisaa miti. Garuu tasuma akka kabaja si dhoowwatu eeyyamuun sirran jiraatu.
Namni dhugaa hin kabajne namummaa kee hin kabaju. Of eeggachuun itti gaafatamummaa ofiiti. Even namummaan keenya, qaamni keenya kabaja nurraa barbaada. Ajajamuufii qabna. Qaama keenyaaf gaafa ajajamnu, nagaaf, fayyaa qabaanna.
Amala jireenya ofii bocatte keessaa si baasanii warra gara ofii barbaadanitti si geessuuf gadi gadi si qabanitti of hin kennin. Eenyumtuu waan karoorfate beeka. Haala mijeeffate keessa jiraata.
Eenyumtuu waan keessa darbe, har’as waan keessa jiru qaba. Borus waan simatu hin dhabu. Dhugaa jireenyaa ni simatu malee haqanii hin balleessan.
Jireenyi bu’aa guddaa qabaatu, dhabus, itti fufinsi furtuudha. Itti fufanii dadhaban, itti fufanii bu’aa argatan. Itti fufanii fooyya’an.
Kanaaf harki gadi nama qabu, yaadni nama xiqqeessu, ilaalchi haga namaa of keessatti ajjeesu kan jireenya keenya keessaa haqamuu qabuuf.
Sababni isaa challenge’n kamuu kan abbaati. Qooddachuu kan barbaadu, kabajaaf naamusa wajjiin, kan hin feenee mooraa yaada kee seenuu hin qabu. Sababni isaa wanti inni siif gumaachu waan gara oliitti dubbatame sana.

𝗪𝗮𝗮𝗻 𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀 𝘀𝗶𝗶𝗻 𝗝𝗲𝗱𝗵𝘂
Ani Barabbaa miti
Yookiin hattuuf Saamtuu
Abaaramaas miti
Yookiin waliin dhooftuu
Isa kaan ol kaasee
Kaan gadi hin deebisne
Yakka itti muree
Nama wal hin caalchisne
Ijakoo duratti
Isa kaaniif loogee
Ani Hammina yaadee
Yoomfaan godoo haadha hiyyeessaa diige?
Jaalalaan ofitti
Isin qabadhe malee
Garaa hamaa hin qabu
Ani achi gara galee
Fayyisaa kee ta’een
Si fakkaadhee dhufe
Akka namaa ta’een
Gadi jedhee gugguufe
Yommuu ati ol kaatu
ol si faana ka’ee
Yommuu ati gadi buutu
Gadi si faana bu’ee
Jaalala keetiif jedheen
Hammeeffamee du’e
Waanan si jaalladheef
Fannoo irratti ba’ee
Muddama kee hundan
Sirraa lafa kaa’e
Abaarsa kee fudhadheen
Abaaramaa ta’e
Isa si dararen
Fannootti cinqaare
Boo’icha kee hundan
Kolfatti jijjiire
Hidhaa sirraa hiikeen
Bilisa si baase
Cilee biyya lafaa
Dhiigaan sirraa kaase
Maqaa moofaa gateen
Haaraa si moggaase
Siin jedha Yesus!!