God of Love this is true
DUBBII GOWWAA ISA KIRISTOOSIIN OF KEESSAA HINQABNE IRRA FAGAADHU.
•Dubbii kan Kiristoos hintahin kam irrayyuu fagaadhu.(Dubbiin kan Kiristoos hintaane kamiyyuu dubbii gowwaadha.)
•Dubbii jireenya hinqabne kan afaan gowwaa keessaa ba’u irra fagaadhu,
•Dubbiin amantaa kamiyyuu kan beekumsa aloon guute kan dhugaa waaqummaa akka ati jiraatu sigochuu hindandeenye kamiyyuu jireenya waaqummaa waan hinqabneef irra fagaadhu.
•Dubbiin Kiristoosiin of keessaa hinqabne kamiyyuu jireenya waaqummaa gara keenyaati raabsuu hindandahu akkasuma Goofta waliin lafa kana irratti jireenya keenya guyyuufi guutuu keessatti akka nuy tokko intaanee nugodha kanaaf dubbiiwwaan Gooftaa karaa keenya fiduu hindandeenyu kam irrayyuu fagaachuu qabna.
Dubbii gowwaa irra fagachuun dubbii Goofta akka nuy jaallannu fi dubbiichaaf qofa iddoo jalqaba akka nuy kenninu nu godha. Nama dubbii Kiristoos of keessa hinqabne irra fagaatu Fi dubbii Goofta Isa jireenya waaqummaan guutuu Fi Hafuura tahe jaallachuu qabna.
↪️Wantii beekumsa Waaqummaa of keessa hinqabne kan beekumsa seexana gara keenya fidu kamiyyuu Waaqayyoon biratti hinjaallatamu kanaaf wanta Waaqayyo jibbu nus jibbuun irra fagaachu qabna. Waaqayyo muka beekumsa irra gara muka jireenya Isa beekumsa Waaqummaan guutuu akka dhufnu fi IJA mukicha irra akka nuy nyaatnu barbaada.
Har’a mukichi jireenya inni beekumsa Waaqummaan guutuu tahe fi beekumsi Waaqummaa keessa argamu Kiristoosidha kanaaf Kiristoos kana nyaachuu baraachuu qabna, har’a Kiristoos nyaata keenya Isa Waaqa bira nuuf kennamedha. ” Ana buddeenni jireenyaa. “
(Yohannis 6/48).
Buddeenni jireenya inni tahe Kiristoos har’a nuuf barumsa fi beekumsa jireenya of keessa hinqabne utuu hintahin nyaata keenyadha.
Ammuma Kiristoosiin akka muka jireenyaati nyaatnu jireenya waaqummaan guutama deemna isaafis iddoo jalqaba kenna deemna innis iddoo jalqaba nu keessatti argachaa deema.
Namni waanuma nyaatu fakkaata, waanuma nyaatu irra ijaarama, akkasuma ammuma Kiristoos kana nyaatnu Isa fakanna, Isa irra ijaarama adeemna. Jireenyi waaqummaa nu keessa guutuuni fi Kiristoos nu keessatti iddoo jalqaba argachuun dubbii kan Kiristoos hintaanee kan gowwaa irra akka fagannufi akka nuy iddoo hinkennineef nugodha.
” Abbaan inni jiraataan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkuman jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif in jiraata.” (Yohannis 6/ 57)
↪️Dubbii gowwaa irra fagachuun gara dubbii Waaqayyo isa jireenyaan guutuu dhufu yokiis deemu qabna! Dubbicha gara keessatti fudhachuuf immoo Kiristoosiin akka nyaata keenya dhugaati gaafa hundayyuu nyaachuu qabna. Kiristoos nyaata keenya dhugaa Isa dubbii Waaqummaa nu guutuufi jireenya isaan nuguutuudha.
Kanaaf Macaafa Qulqulluu keenya irra dubbii Waaqummaa jiru gaafa hundayyuu dubbisa kadhachuun dubbicha gara keessatti fudhachuun Goofticha gammadu qabna. Karicha ittin dubbicha gara keessoo keenyaatti fudhatnu dubbicha (Macaafa Qulqulluu) dubbisa kadhachuudha. Akkasuma maqaa Gooftaa waamuunidha.
Namni maqaa Goofta waamuu kamiyyuu infayya akkasuma badhaadhummaa jireenyicha infudhhata Isa malees in gammada.” Innoo Gooftaa nama hundumaa ti, warra isa waammatan hundumaafis badhaadhummaa isaa irraa in kenna. ” Rom.10/12

Waaqayyo Misirrittii akka Misirroo ishee gochaa jira.
•Misirroo fi Misirrittiin gita walii akkuma tahu qaban, Waaqayyoos Misirrittii gita Kiristoos ishee gochaa jira, Kiristoos gita Ofiisaa Waldaa gochaa jira, Kun kaayyoo Waaqayyo kan inni nama waliin tokko tahuuf qabuudha.
•Kaayyoon Waaqayyo jireenya ofiisaan Misirrittii guutaa jiraachuun Isa Misirrittii gita Kiristoos gochuudha. Kaayyoon Waaqayyo kun har’a jireenya isaan Waldaa guutuun kan galma gahaa jiruudha •Jireenya Waaqayyoon Misirrittiin gita Misirroo ni taatii, Kiristoos Waldaa Kiristaanaaf jaallachuun dabarsee of kennuun Isaa gita Ofiisaa ishee godhe of fuul-dura ishee dhaabuufidha.
•Misirrittiin kan muda hin qabne ammuma taha deemtu akka Kiristoos taha deemti, muda maleessaa gaafa ishee gochaa deemuu akka Ofiisaa ishee gochaa jiraachuu Isa agarsiisa. Waaqayyo qofaatu muda maleessaa ture amma garuu Waaqayyo Kiristoos keessaan jireenya isaan Misirrittii muda maleessaa ishee gochaa jira. Muda maleessaa ishee gochuun Waaqayyo akka Kiristoos ishee gochuufidha.
•Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!
Efesoon 5/25
•Waldaan kristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa.
Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira.
Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa qaba; inni waa’ee Kristosii fi waa’ee waldaa kristiyaanaa in dubbata jechuu koo ti.
Efesoon 5/26-27, 32
Waaqayyo Jaalala Keenyaan Qabameera.
” Yaa obboleettii ko, kaadhimma ko, jaalalli kee attam nama gammachiisa! Daadhii waynii caalaa namatti tola, fooliin urgooftuu dibataa kees urgooftuu hundumaa irra caala;”
-(Wed.4/10)
•Waaqayyo jaalala namaan bara baraan qabame jira kanaaf haala keenya utuu hin ilaalliin bara baraan nujaallata.
•Jaalalli keenya Waaqayyoon kan gammachiisu ta’e kan argameef, inni jaalala keenyaan qabame bara baraan waan nu jaallatuufidha.
Kanaaf Waaqayyo jaalala nuuf qabuuf akkaana nun jedha “Jaalalli kee attam nama gammachiisa! Daadhii waynii caalaa namatti tola, fooliin urgooftuu dibataa kees urgooftuu hundumaa irra caala”. Dubbii kana akka inni nun jedhu kan Isa godhu jaalala waaqummaa Isa bara baraa inni nuuf qabu qofaadha. Waaqayyo jaalala keenyaan bara baraan qabame jira.
Waaqayyoon bara baraan jaalatameera. Eenyummaa jaalalaan guutuu inni tahe Waaqayyo bara baraan nama ni jaallata kanaaf Ofiisaa nu kenne, amma immoo jireenya isaan guutuun akka Kiristoos nu gochaa jira.