BARRULLEE

Akkamitti Milka’u Danda’aa/How Can It Be Successful?

FILANNOODHAAN (FO’ANNAADHAAN) MILKAA’U!

Macaafni Qulqulluun Namoota Filannooodhaan Milkaa’an Heedduu Nuuf Kenna, Filannoo isaaniin(Fo’annaa) isaaniin Jireenya isaanii Milkaa’aa Taasisan Fuula Waaqaayyo Duratti!
Namni Jireenya Isaa Keessatti Wantoota  Baayyee Murteessa.

  Naaf Wayya Na Gargaara Jedhee Waan yaadu ammoo Filannoo Isaa Godhata! Filannoo Fuuldura Milkaa’aa Namaaf Kennuu Danda’u Murteessuun Waan Namni Hundumtuu Hawwuuf Fedhuudha!

Macaafni Qulqulluun Namoota filannooodhaan Milkaa’an Heedduu Nuuf Kenna! Waaqayyo MAAL Akka Namaaf Wayyu Nama Ni Hubachiiisa haa ta’u iyyu Malee Humnaan Waan Filannu irratti Nu Hin Dirqisiisu!

NAMOOTA FILANNOOODHAAN MILKAA’AN

              1)MUSEE
Namni Waan Namni kamuu Hojjechuu danda’u Hojjechuun Milkaa’uu Danda’a: Waan Waaqayyo Achi Fageessee Ka’e Hubachuun itti Milkaa’uun Garuu har’a Filannoo Dogoggoruu Dhabuu irrraa Dhufa!
“Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu FO’ATE.” Ibr 11/25

Namni Filannoodhaan(Waan Filatuun) Milkaa’uudhaaf Baayyise Haalli inni Keessa Jiru MAAL Akka Ta’e Hubachuu Qaba:yoo Akkas ta’e Qofa Filannoodhaan Milkaa’u Dabda’a!

Isxifaanos Yaa’i Duratti Gaafa Falmate akkasitti hime seenicha : Nama waggaa afurtamaa yommuu ta’e, akka obboloonni isaa namoonni Israa’el itti jiraatan ilaaluudhaaf, yaadni garaa isaa keessaa ka’e.” HoE 7/23
Museen Yeroo inni Nama Gahaa ta’etti Ture  Kan Inni Fo’ate(Museen Nama Waggaa 40) Ture yeroo sanatti!

Museen Harka isaaan Waaqayyo Saba Kana Akka Furu Hubatee Ture Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Fara’oon jedhamee waamamuu dide.”
  Ibr 11/24 Lakk 25 irratti “Fo’ate” Jedha Lakk 24 “Dide”! jedha!
Akka Ilaalcha Namatti Fo’annaan(Filannoon) Musee Kun sirrii miti!

↪️Barreessaan Ibrootaa Waayee Milkaa’inaa Fo’annaa Musee Kana irratti Waan Sadii nu Hubachiisa!
       1)Waayee Didu Danda’u
        2)Waayee Amantiif
        3) Waayee ija Ofii Gatii Isa booddeerra kaa’achuuti!
Akkuma Wal-Qixa Beeknu Mana Barumsaa Keessatti Qormaatni”Choose the best answer” jedhu hin Dhufa!  Filannoowwan Jiran A,B,C,D dha! Deebiin tokko Qofadha,isinis tokkuma filattu mitiiree??  Namni “A” filate indirectly “B,C,D” n Best Answer miti Jedhee Filate Jechuudha!

Museen Waanti innni Hubate isaaf Filannoo Sirriin Maaal Akka ta’eedha! Garuu Amantiidhaan Waan Dide Qaba! Barreessaan Ibrootaa Amantiin Jedha;  waan abdatan “Dhuguma in ta’a” jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti “Jira” jedhanii lakkaa’uu Jedha Ibr11 irratti!

Museen Mana Mootii Keessa Jira Homaa itti Hin Hir’anne Ture, Garuu Amma Gammaduu irra Amma Dhiphachuu Filate Sababiinsa Ija Isaa  Gatii Isaa Isa Booddeerra Kaa’ate! Waan Ammatti Mul’atu Didee Waan Ijaan Hin argamne Fo’ate: Barreessan Ibrootaa Museen Jedhe: “isa ijaan hin argarmne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate.” Ibr 11/27
Lakk 25  Irratti Ammoo Waaqayyoo Wajjin Rakkina Jala Jiraachuu Fo’ate Kana Qofa Osoo hin taanee Sababii Kiristoosiif Arrabsoo Baachuu Badhaadhummaa Isa Caalutti Lakkaa’ate jedha.

Isa Kanadha inni Namni Waaqayyoo Phaawoloosis Filiph 3 Keessatti Kiristoosiif Jedhee Waanta Bu’aa Anaaf Qaba Ture Hundumaa Akka Waan Gatameetti Lakkaa’eera!      
Nuti yesuus Kiristoos faana Adeemuu Keenyan Waan Didne Qabna akkuma Museen Dide Nufis Kun Amantiidhaan Ta’e Ulfinni Caalu, Jireenyi Barabaraa Fuuldura Keenya Akka Jiru Waan Amanneef!!

↪️Egaa Gara Kutaa Keenyatti Gaaf Deebinu Namni Jireenya Isaa Keessatti Filannoo Jireenya Isaaf Karaa Lama Raawwata
    1)Filannoo Namni Fooniin Taasisu
     2)Filannoo Namni Hafuuraan(Amantiidhaan)ta’e
Taasisuudha!

Akka Ilaalcha Foonitti Filannoo(Fo’annaan) Museen Godhe Gowwummaadha Sababiinsa Gammachuu Dhiisee Maaliif Rakkina Filata,Waanti Hundumtuu Mana Fara’oon  Keessa Osoo Jiru Maaliif Gara Lafa Onaa Deema?

↪️Filannoon Xiinxala Yaada Fooniin Godhamu Kamille Waayee Yaada Waaqayyoo Hin tuffata!  isaaf Filannoon Godhamu Hundumtuu har’a irratti Bu’aa Qabaachuu Isaa Qofaadha!  inni Kun Waayee Fuulduraaaf Ija Nama Jaamsa,har’a irratti Gammachuu Argisiifnaan isaaf Gahaadha! Har’a Akkamitti akkati Deddeebitu Kan Si Murteessu  Filannoo Keeti. Yeroo Kee MAAL irratti akkati Dabarsuu Qabdu Kan Si Murteessu Filannoo Keeti?  Nama Boriif Ga’umsa Qabu Kan Si Godhu Filannoo Kee Har’aati? 

  Mee Daandii Namoota Jaallatu Seenaa isaanii Qoradhu? Gargaarsa Waaqayyoo Qofaan osoo Hin Taane Namoota Filannoo Tolan Turan!
  Waan Bu’aa Fuuldura keef Hin qabne hamma Akkuma Museen Didu Hin Dandeenyetti Filannoodhaan Milkaa’uuf Karaa irraa Fagaachaa akaa Deemtu Hin Dagatiin!!

Baayyeen Keenya Hin barbaannu Waanta Fuulduraaaf Nu Qopheessuuf Har’a Of+Kennuu!

Mee Mo’aa Milkaa’aa ta’uu Filadhu?

Yeroo Tokko Gara Galgalaa Keessa Abbaatu Ilmasaan MAAL ta’u barbaadda Jedhee Gaafate innis Atleet Beekamaa ta’uun Barbaada Jedhee Deebiseef Achumaan Abbaansa Borumtaa Ganama Saa’atii 11/00 n Gara Kutaa Ciisichaa Isaati Dhaqee Ka’i jedheen Mucaan Deebise MAAL Abba Hirriba Keessan Jira ittiin Jedha Abbaansa Eda Atleet Bekamaa ta’uu Akka Barbaaddu Natti Himteetta Kanaafuu Har’uma Jalqabde Hirriba Ganamaa Dhiisuu Qabda ittiin Jedhe mucaanis Achumaan Dammaqe Atleetisiidhanis Nama Milkaa’aa ta’e Jedhama!

Hirribni Ganamaa Ho’i sun Gad Isa hin Qabne: Filannoo Hin beeknu Yoo ta’e Waan Waaqayyoon Komannuuf Hin Qabnu; Namoota Baayyee  Gargaaruuf Waamamne Nama Gargaarsa Fedhu ta’uu Dandeenya Kana Hambisu Yoo Barbaadne Ammoo Yaada Waaqayyoo Faana tarkaanfanne Waan sitti Ho’aa Jiru Keessaa Faana Kee Fudhachuun Dirqama Keeti!

Baayyeen Keenya utuu Hin Beekiin Tapha Fuuldura Keenya Balleessuuf filannee Taphachaaa Jirra;Hin fo’annu Wanta Fuulduraaaf Nu Qopheessu,Kunimmoo Sababii Filannoo Miira(Foon Keenyaaf Goonuufidha)

Filannoo Fooniin Godhamuun Namni Waaqayyoon Jireenya Gammachiisu jiraachuu hin Danda’u, Filannoo Amantiin Godhamuun Garuu Waaqayyoon Gammachiisaa Jireenyi KeenYa Milkaa’aa ta’a!

 Museen Waan Mana Mootii Keessa ba’eef waan itti hir’ate Tokkolle hin Qabu. Fo’annaan(Filannoon)Amantiidhaan Godhamu Hundumtu isaayyu Waan Amma Mul’atu ignore Nama Gochisiisa Bu’aa Boodarra Dhufu Amantiidhaan Nama Abdachiisuun Filannoo Keenya irratti Dhiibbaa Gaarii Uuma!

Ruut osoo Sagalee Abdii of Keessaa Hin Qabne Na’omii irra Dhageessu,boodarra Ammoo Utuu Orphaan Deebituu utuu argitu isheen Garuu itti Fuftee Adeemuu fo’atte!

Fuulduratti Adeemuuf Kutatte Ka’uun Kee Dirqama;Kutatte ka’uunke hamma hin Mul’annetti Fuuldurri Abdii Qabu Kan akeeka Waaqayyo raawwachiisu sitti hin Mul’atu!

Egaa Beekamadha akkuma Ruut Jireenya Kee Keessatti Filannoo Lamatu siif Dhiyaata
1) Duddubatti Deebi’uun Deemsa Gara Duddubaa Jalqabuuf Sababa Gahaa argatta!

 RUUT Deebi’uuf Sababa Gahaa Qabdi turte isheetu Filannoo ishee Hin Godhanne malee!
2) ykn ammoo akkuma Ruut Utuu Sagaleen Abdii Of+Keessaa Hin Qabne Naannoo Kee Jiru,Amantiidhaan Fuulduratti Adeemuuf Murteessuudha!

↪️Filannoo Isa jalqabaaf Homtuu Nama Hin barbaachisu inni Lammaffaan Garu Waan Murteeffatan irratti Cichanii Fuulduratti Adeemuun Kutannoodhaan Boqonnaa Jireenyaa Isaa Haaraa Milkaa’ina Guddaa Of+Keessaa Qabu harka Waaqayyoon Banachuu Namarra barbaada!

Egaa Akkasitti Waaqayyo Karaa Ruut Na’omii Eebbise, Natti Hadhaa’e isheen Jettes Waaqayyo Dagachiise Kun Hundumtuu Karooora Waaqayyo Qofa osoo Hin Taane Eebba Qooda Filannoo Ruut Keessan Waaqayyo Eyyameedha!
RUUT Boodarra Mucaa Ilma Argatte Yoobed Jettee Moggaaste! Yoobeed Abbaa Eenyuuti? Yoobed Abbaa Isey idha!
Isey Immoo Abbaa Eenyuuti?
Isey Abbaa Daawwit dha!
Hiddi Dhaloota Yesuus hoo??

RUUT Ajandaaf Karooora Waaqayyo Isa barabaraa Keessa Galte!    Waayee Orphaa Gafuma isheen Deebite Dhaabbatee Waayeen Ruut Garuu. Agartanii Waaqayyo iyyuu Namoota Cichuu Danda’a niin akeeka Isa Raawwata malee Dachaa Hundumaatti Namoota Dubbiisa Buusan faana miti!

Har’as Tarii Waan Jireenya Ruut Fakkaatu Qabaachuu Dandeessa Waan Keessa Darbaa Jirtu Irraa Kan Ka’e Duddubatti Deebitee Adeemuun Siif Kisaara Akka ta’e hubatte Fuulduratti Adeemuuf Ammoo Humna Dhabde Jirta ta’uu Danda’a! Waaqayyo Kunoo Itti Fuftee Adeemuu Filachuu Kee Keessa Qofa Milkaa’inni Akka Jiru Si hubachiiseera! atis itti Fuftee Adeemuu Fo’adhu Humniif Ayyaana Isaa Kan siif Kennu Ilma Waaqayyo Gooftaa Yesuus Isa ATI Duukaa buuteedha!

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *