WALALOO

Love poems for god jesus Love

𝗪𝗮𝗮𝗻 𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀 𝘀𝗶𝗶𝗻 𝗝𝗲𝗱𝗵𝘂….

Ani Barabbaa miti
Yookiin hattuuf Saamtuu
Abaaramaas miti
Yookiin waliin dhooftuu

Isa kaan ol kaasee
Kaan gadi hin deebisne
Yakka itti muree
Nama wal hin caalchisne

Ijakoo duratti
Isa kaaniif loogee
Ani Hammina yaadee
Yoomfaan godoo haadha hiyyeessaa diige?

Jaalalaan ofitti
Isin qabadhe malee
Garaa hamaa hin qabu
Ani achi gara galee

Fayyisaa kee ta’een
Si fakkaadhee dhufe
Akka namaa ta’een
Gadi jedhee gugguufe

Yommuu ati ol kaatu
ol si faana ka’ee
Yommuu ati gadi buutu
Gadi si faana bu’ee
Jaalala keetiif jedheen
Hammeeffamee du’e

Waanan si jaalladheef
Fannoo irratti ba’ee
Muddama kee hundan
Sirraa lafa kaa’e
Abaarsa kee fudhadheen
Abaaramaa ta’e

Isa si dararen
Fannootti cinqaare
Boo’icha kee hundan
Kolfatti jijjiire

Hidhaa sirraa hiikeen
Bilisa si baase
Cilee biyya lafaa
Dhiigaan sirraa kaase
Maqaa moofaa gateen
Haaraa si moggaase
Siin jedha Yesus!!

𝗙𝗮𝗹𝗮𝗮𝘀𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗕𝗮𝗮𝘆’𝗮𝘁𝘂𝘀…

Silaa na gatteetta
Na buustee akka gataa
Erga akka akkas ta’ee
Keessikoo maal abdataa

Erga karaan koo hunduu
Alagaadhaan sarbamee
Ana gadoo homaan qabne
Mirgakoo irraa darbame

Natti dhiistee na laaltee
Qophaa na gadoochita
Kana hin obsu danda’ee
Haamileenkoo na cita
Utuu an guguumgumee
Akkas jedhee odeessuu
An baachuu dadhabeera
Waan garaa koo madeessu

Baay’ee natti ulfaate
Ba’aaf ciqileen ormaa
Daandii kootti danqaree
Jiraachuu koo na morma
Isa hamaan dhoksee kaa’u
Futtaasaaf maraa kiyyoo
Anarraa maaf fagaate
Inni isa kaaniif dhiyoo?

Isan jedhu hundasaaf
Qabda deebii na gahu
Diina isa natti duule
Sidha inni narraa dhahu
Golakoof nagaa kennuu
Suma qofatu danda’a
Falaasamni baay’atus
Inni kan kee ni ta’a.

Ati Waaqayyoo kooti
Na gattee gadi nan gattu
Harka kee keessa jira
Kan lubbuun koo abdattu
Guumgumee mararameen
Si duratti boo’e malee
Harki kee gadi nan buusne
Haalaaf bara ilaalee.

Inni asii achiis odeessu
Akeeka kee hin hambisu
Manni ati naaf ijaarte
Cabee natti hin dhimmisu
Akka kaan jedhe hin ta’u
Isa naaf yaadden ta’a
Utuma mortuun mortuu
Tulluurrattin ol ba’a…

𝗚𝗼𝗱𝗮𝗮𝗻𝗻𝗶𝘀𝗮 𝗚𝘂𝗯𝗮𝗮𝗸𝗼𝗼…

Ani silaa hin qabu fira
Kan waamnaan naaf owwaatu
Si qofatu tasgabbeessa
Keessi koo yoo watwaatu.

Dachee jiidhinsa fixee
Gogee awwaara’erraa
Onaa keessa adeemee
Yommuun fagaadhe sirraa
Sagalee kee marartoon
Waamtee na dhageessista
Balaa hammaatu keessaa
Daftee ana deebista.

Ani maalan jedharee
Sidha firrikoo dhugaa
Utuu naaf hin dhufne ta’ee
Natu hirriba du’aa muga.

Waa’ee kee jechaan ibsuun
Yommuu natti ulfaatu
Ribuun koo hollatanii
Galata si’iif laatu

Isa haalli na waade
Godaannisa Gubaa koo
Situ na irraanfachiise
Fudhadhu hooqubaakoo

𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀✝️✝️

Barsiisaa ijoollummaa
Humnakoo dargaggummaa
Hirkisaa bara dullumaa
Anaaf taate mana koo dhumaa

Anatti hin hammaattu
Natti faara baddee
Gaafa mucummaakoos
Na barsiiste daaddee.

Na kunuunsita malee
Akka haadhaaf abbaatti
Waamtee nan qaanessitu
Achi baaftee qophaatti

Yommuu hundumtuu na buusu
Dursitee anaaf dhimmita
Lafa onaatii yoon iyyu
Situ naaf dirmata

Olka’ee gad taa’uuf
Ijaan na to’atta
Mucucaadhee hin kufu
Harkatti na baatta.

Qajeelfama jiruu
Si harkaan fudhadha.
Akeeka na waamteef
Si wajjin jiraadha.

𝗜𝗻𝗻𝗶 𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗧𝗮’𝗲 𝗠𝗮𝗾𝗮𝗮𝗻𝘀𝗮𝗮 𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀𝗶!!

Hammina irratti
Hammina kan ida’u
Ulee dheekkamsaa jalaa
Hammam utaaluyyuu hin ba’u.

Lama buluuf jedhee
Inni haadhoosaa adamsu
Bubbeen itti bubbisa
Inni ibsaasaa irraa dhaamsu.

Biqiltuu qajeelotaa
Jallaan kichuutti muru,
Ciqileen nama jallaa
Mandara qajeelotaarra
Dhaabatee hin turu

Waaqayyo dhahee cabsa
Falmaan abbaa murtee haqaa
Kan jallina dilbii tuulu,
Boolla ibiddaa San dhaqa.

Inni Waaqayyoon hin qabne
Maal abdatee jiraataa?
Koottaa mee gara Yesuus
Maaliif baddu obbolootaa!

Dhagahaa dubbii gooftaa
Isa jireenya kennu,
Karaan, dhugaan, jireenyi ana
Inni jedhe sun eenyuu?
Maqaansaa Yesuusidha
Fayyisaa ilmaan namaa
Isatti amantii qabaadhu,
Innis siif amanama.
Maddi jireenya kennu
Isa keessaatii yaa’a.
Warra isatti amanatan
Inni jireenyaan ga’a.

Inni imaanaa hin nyaatu
Iddoodhaan gaha malee,
Yesuustu itti hiika
Warra hidhaatti gale.
         Amanadhu!!
Ammas amanachuu keessan Isa gatii guddaa qabu hin gatiinaa.
              Ibr 10;35

𝗞𝗮𝗻 𝗟𝘂𝗯𝗯𝘂𝘂𝗻𝗸𝗼𝗼 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗚𝗮𝗺𝗺𝗮𝗱𝗱𝘂

Waan harkakee jiru
Orma harkan barbaadaaree?
Harkakee bal’aa keessaa
Isa kan koo dhabaaree?

Kennaa gaarummaan guutee
Jaalala hundumaan olii
Lubbuu keeyyuu naaf laatte
Yeessoo koo hunda naa caalii

Jiraachuukoof jireenya
Galaa bara koo dhumaa
Sooranni lubbuu kootii
Anaaf yoomiyyuu suma

Buddeena jireenya koo
Kan lubbuun koo dharraatu
Hundumasaa situ qaba
Sidha inni naaf laatu

Bishaan dheebuu na baasu
Yoon hawwu akka borofaa
Kan lubbuun koo itti gammaddu
Anaaf Yesus koo qofa

Gola ormaatti hin fiigu
Utuu fureen koo jiruu
Ergan isatti hirkadhee
Waa biraaf garaa hin hiru

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *