Don’t Worry/ Hin yaadda’in
YAADA WAAQAYYO KEESSAAN QAAMA AKEEKA ISAATI KAN TA’E KARAA INNI IRRA NAMA ADEEMSISU HUBACHUU!
of Dhiphisuu keen Waan cabe suphuu hin Dandeessu,Yeroo Kee Gubuuu Qofaadha! Garuu Kunis Gaarummaadhaaf Ta’a Kanammoo Gaafa Yeroonsa Gahu agarta! ; yaadni Waaqayyo Nuuf Qabu Yaada Nagaa Qofa waan ta’eef!
Waaqayyo Yaada Gaarii Nuuf Qaba Jechuun Waanuma Gaarii Hundumatu Nu quunnama Jennee yoo Yaadne Kun Guddisanii of gowwoomsuudha;Bara dabarsine kana Keessatti hin taane ,Bara itti Aanu Keessattis hin ta’u!
Karoooraf yaada Waaqayyo Nuuf Qabu Keessa Qaama yaada Waaqayyo Kan ta’e Karaa Waaqayyo irra Nama Adeemsisuudha!Macaafni Qulqulluun Guutummaattis kana Nu Hubachiisa!
Waaqayyo Saba Israa’eliin Biyya Gibxii Isaan baaase Akka Biyya itti boqotanitti Galan isaan Abdachiisee Garuu Karichi karaa Akkasumaan Deeman Miti,Kun Qaama Karooora Waaqayyooti!
Yooseef Abjuu Guddaa Arge Kanaaf Obbolootni Isaa baayye Akka Isa Jibban agarra; Boolla Keessa Buufamee,Ni Gurgurame,ni Hidhame ; Kunis Qaama Karooora Waaqayyooti!
Namoota Waaqayyo Hundumaayyu Fudhadhaa ilaala Namoota yaadni Waaqayyo isaaniif Qabu Gaarii Akka ta’e warra hubatan Qofa osoo hin Taane Karaa Inni irra isaan dabarsuus Jireenya isaaniif Gaarii Akka ta’e Namoota Hubatantu itti milkaa’a!
Waaqayyo Karaa irra Nu dabarsuun Hariiroo Nuti Isa faana Qabnu Ayyaana Isaa achi Keessatti Nuuf baayyisuun Cimsa! Kanarra Kan Hafe Namni Akka Simbira Koochoon Cabde ta’a? Simbira Erga Koocho ishee Cabsanii Akka barristuuf ilaaluun Qoosaadha? Qaamni ishee Guutuun fayyaa Yoo ta’eyyu Waan baayyee Barbaachisaa dhabdee Jirti waan ta’eef!
Namnis Waan Jireenya isaaf Hariiroo inni Waaqayyo Waliin Qabuuf Waanti Barbaachisaan Qaama Karooora Waaqayyo Kan ta’e Karaa inni irra Nama Dabarsu Keessatti Waanta inni Argatuudha!
Kana Hundumaa Keessatti Bara Dhufu Qofaaf osoo Hin Taane Bara Jireenya Keenya Hundumaattu MAAL Beekuu Qabna;
1) Callisaniima Boo’uuf Gadduutti
Gad taa’uu osoo Hin Taane yaadi Waaqayyo Nuuf Qabu Kan Nagaa ta’uusa Akkuma Amannee Fudhanne Qaama yaada isaati Kan ta’e Karaa inni Irra Nu Adeemsisus Akka Jiru Amanuudha!
✍🏿Museen Saba Israa’eliin Waaqaayyoon Akka isaan Hin irraanfanneef Yemmuu isaan Gorsu akkas Jedhe: Kan Waaqayyo Gad isin Deebiseef,Kan Inni isin Beelessef,Qoree isin ilaaluuf Jedhee
LAFA onaa Keessa Waggaa 40 Kan Inni isin Adeemsiseef Namni buddeen Duwwaadhaan osoo Hin Taane Dubbii Afaan Isaa Keeessaan ba’uun akkanni Jiraatu isin Barsiisuudhaaf Jedheeti isaaniin Jedhe! S Debi 8/2-3 irraa argachuu Dandeessu! Yaadni Waaqayyo Karaa Irra Adeemamu Kan Mataa isaati Qaba;Kaayyoon Karaa Kanaa Nama Miidhuuf yoo fakkaateyyu Nama Qopheessuuudhafidha!
2) Waanti Hundumtuu Gaarummaa Keenyaaf akka ta’e Beekuun
Waaqayyo Gara Gaariitti Akka Nama Geggeessu Beekutti Jabaachuun Karaa Gooftaa yesuus ammoo Jireenya Mo’ichaa Jiraachuuf Akka Waamamne Irrra Deddeebi’anii Ittti yaadu!
Macaafni Qulqulluun Rome 8;38 irratti Waaqayyo Warra Isa Jaallatan Karaa Hundumaa Gargaaree Gara Gaariitti isaan Geessa! Karaaa Hundumaan jedha! Qaama Karooora isaati Kan ta’e Karaan inni irra Nama Adeemsisu Waan Gaarii Fakkaachuu Dhiisu Danda’a
Waaqayyo Garuu Gara Gaariitti Akka Nu geessu beekudha!
Gooftaa Yesuus an Biyya Lafaa mo’eera Jedhe ,2Qor2;14 irratti ammoo Waaqayyo Yeroo Hundumaa karaa Kiristoos Akka Warra mo’e Duulaa Galutti akkanni nu Adeemsisu Nu Hubachiisa!
3) Nuti Hojii Harka isaatiti!
Supheen harka Suphee Dhooftuu Keessa Jiru akkas na Godhi,Akkas ammoo Ana hin Godhiin Jechuu hin danda’u! Kana Dubbiin Waaqayyo Nu Hubachiisa!
Namicha suphee dha’utu Akka Barbaade suphecha Godha,bocasa,hammasa xiqqeessuus GuddisuusFurdisuus qallisuus Kan Danda’u Suphe Dhooftuudha! Suphee Boca Kamiinu Haa qabaatu Bu’aa Harka Nama suphee Dha’uuti!

Suphe Dhooftu sana harkatti Suphee yoo cabes Darbatee Hin Gatu,Garuu ni sirreessa,Akkanitti Qodaa barbaachisu ta’e tajaajilu Godha! sababiinsa tokko Suphechi harka Isaa Keessa Jira lammaaffaa ammoo Waanti Suphechi ta’uu Danda’u Hundumtuu Bu’aa Hojii Nama suphecha Dha’uuti! Harka Waaqayyo irratti Akkuma Suphee Harka Suphee Dhooftuu
Ganamaaf Galgalli jireenya namaa keesatti dhiibaa akkamii qabachuu danda’a jettanii yaaddu?
Keessumattu wantootni nuti utuu hin Rafiin dura Goonuuf, ganama gaafa kaanu goonu Guyyoota Keenya irratti dhiibaa akkamii qabaachuu danda’u?
Yeroo baayyee akkaataan nuti itti jireenya keenya jalqabnu akkamitti ooluu akka dandeenyu murteessa. Haalli ykn akkaataan rafiitti keenyaa ammoo halkan hirribaa akkamii qabaachuu akka dandeenyu Akkasumas Abjuu nuti qabaannulle ta’a.
anyway maal jechuufan jedhe Waanti rafuu namaa dura hojjetamu dhiibbaa akkamii qabaachuu akkanni danda’u mullisuu barbaadeni.
Egaa baayyee keenya biraa yeroo rafnuttille biblilli kee nu biraa hin fagaatu miiteree?? Gaafii gaaf ammoo hirriba hamma naaf dhufutti jenneelle wantoota kana gochuu filanna.
Kunis har’a irratii gaafan yaadu wallaalummaa keenyaa kan mullisu ta’uusaan arge.
ogeessonni fayyaa hirrba dhibibaa inni fayyummaa nama walii galaa irraatti qabu irratille dhiibbaa Guddaa akkanni Qabu mirkaneessu. Keessuma dhiibbaa kana irratti social media n nuti fayyadamnu illee dhiibbaa wal-caaluu qaba.
AKKA ogeessi fayyaa kun jedhutti ammoo yeroo Hirribaa namaalle akkanni fageeessuu danda’auudha. Sababiina odeeffannowwan sun sammuu keenya dammaqaa taasisiu waan ta’aniif. Hin gaha nan rafa jettee yeroo ati bilblila kee cuftutii illlee sammuun kee more information biraa barbaada. Kan biraan ammoo waanti nuti ilaalle ykn Scroll scroll goonee content,qabiyyee inni qabuudha.
Egaa wantoonni kun wantoota nuti jalqaba gaafa ganama dammaqanu yaadannu ta’u,Akkasitti Namni ganama isaan Guyyaa jeeqamaa ta’ellee qabaachuu danda’a!!
Galgalli akkasitti jeeqame ganama Qalbii jeeqamaadhaan akka namni dammaqu Godha. inni kun Ammoo oolmaa namaa iratti dhiibaa hamaa qaba. Namni waaqayyo Dawwit Far 5 irratii an ganamaan siifan of+qopheessa gara keen ilaala jedha waaqayyoon. Kun ammmoo guyyaa guutuu Abdiif Amantiin Guuutamne akka yaadnu fi bakka dhaqnuttis dammaqo akka taanuuf Nu gargaara.
Eebbifmaa
Waaqayyo Gooftan Bara Keessan Haa EEbbisu!! Hojii online irraa birri argaachuu hin barbaadu yoo ta’ee application kana iddoo Install jedhu xuquu buufadha hojii jalqaaba carraa gaarii.