Wonderful Poems Love Jesus/ Walaloo Ajaa’ibaa Jaalala Yesuus
Wonderful Poems Love Jesus/ Walaloo Ajaa’ibaa Jaalala Yesuus
Iccitiinkoo guddaadhaa
Dhoksaan araaramuukoo
Fayyuu koof gumaa ba’ee
Kiristoos furamuunkoo
Dhiigicha qofan beekaa
Dhugaa gumaa araarsuu
Hafuurrikoo fayyeeraa
Fayyuu kooti kanan faarsuu
Eenyuutu na hadheessa
Anaan jedhee yakkamaa
An birmaduu ba’eeraa
Bara baraan furama
Si’ooliif kaadhimamee
Utuun kophaa jawwaruu
Jiraachuuf abdii fixee
Qe’ee du’aa marmaaruu
Yeroonis narra darbee
Biiftuunis golollisee
Barabaraan baduufis
Ofi koo amansiisee
Sagalee keen dhaga’ee
Utuman bitintiruu
Duba koorraan si arge
Utuun wargamaa jiruu
Ifa fuula keen argee
Akkan ta’un wallaalee
Dhiiga keen araaramee
Mana abbaa koottan galee
Malan jedha kan biraa
Yesuus ulfaadhu malee
Abdiinkoo dukkanaa’ee
Utuun du’a eeggadhuu;
Jiraachuuf abdii fixee
Irbaata du’aa nyaadhuu;
Dukkanaa’aa manakoo
Isa du’aan marfame;
Jireenyakoo qajeelchuuf
Sidha aarsaan aarfame;
Halkan walakkaan ka’a
Qalbii kootu wawwaata
Si’ool keessa dhufuunkoo
Abjuu natti fakkaata
Fuulakee arguun yaade
Iyyesuus koo Maraanataa;
Qindeesseen fide yeedaloo
Ittiin leellisuuf maqaakee
Daboon hin jiru gaaficha
Qullaa dhaabatte qofaakee
Keessakoo na guute kunoo.
Aarsaa siqofaaf aarfamu.
Eenyu kan du’a injifate?
Si qofa jabaan faarfamu.
Al tokko barabaraaf
Aarsitee aarsaa jiraataa
An bira taree sokkeera
Seexanni ofumaa maraata
Si qofa kanan eegaa jiru
Iyyesuuskoo maraanaataa
In dhageenyee moo laataa?
Tasuma quba hin qabduu?
Wantuma itti dhufaa jiru
Macca 99 gararraa kana jiru
Ayii dachee maal kun!
Beellamni tokko jiraam
Yeroon akka ajaa’ibaa
Guyyichi dinqisiisaa
Baayyeema nama dhiba
Kan takkaa hin ,agarree
Guyyaa sana agarta
Utuu guyyicha beektee
Qalbii kee jijjiirrattaa
Nii hammaata guyyichi
Atimmoo quba hin qabdu
Guyyaama Sana beekii
Kan tasuma of dhabdu
Qaama hin beekne agarta
Warra akka bakakkaa
Guyyaa sana dhaabatta
Giimi ibiddaa walakkaa
Guyyichi hin sodaachisa
Jajjabootatu hollata
Eessa dhaqna egaa jedhu
Gurguddootatu watwaata
Ayii guyyaa Sanaa!
Gara keenyaa ilillee
Gara Sanaa wawwaannaa
Keenya adii uffata
Achi ibidda foolata
Ni ililchu uumamni
ILMA NAMAATU MULLATA.