GORSA

Love True Love Women Are Like Plants

Lead yourself to your life unconditionally/Haal duree tokko malee  jireenya keerraatti of oggani.

↪️ Dubaroonni 90% yeroo aaran kan dubbatan onneesaaniirraa miti.
Dubarriifi Barumsi akka tokko, hammuma bilchinnikee dabalaa deemu jaalachaa deemta.

🔹️Dubarri akka biqiltuu bishaan gamatti biqiltee ija godhatteeti, firiishee kutee nyaachuuf dhiirotni baayyeen galaanichatti aarsaa kaffaluurra gamatti hafu.

↪️ Dubarri akka bishaan taliila burqituu kattaa gidduuti, ati dhugdee bira yoo tarte, dheebotaan ammoo burqituu sanatti goree bara jireenyasaa guutuu dheebuu itti baha. waaqatu dheebuu nama baasawoo!

🔹️Dubarri arrabaan malee onneedhaan fagoo jirti, altokko onneeshee argannaan daftee deebihuun itti ulfaata.

↪️ Gammachuufis tahe gaddatti dhihoo jirti, altokko onneenshee yoo cabe lachanuurraayyuu fagaattee jiraatti.

🔹️Dubarri kamuu qaaliidha, Akkuma gosa gosa isaaniitti dhiirri isaan barbaadu tokko tokko inuma jira.

↪️ Dubarri biqiltuu firii laattuudha, kunuunsa gahaa yoo argatte firii dhuma hinqabne siif laatti. Kanaachi akkuma baargamoon lafa gogsu, onneekee onaa sana sii hongeessiti.
🔹️Akka galaana yaa’uuti isheen, altokko gadhiifamnaan qabuun hindandahamu, sokkite.

↪️ Eeyyee isheen akka galaana guddaati, iccitii kamiyyuu ukkaamsitee dhoksuu dandeessi.
🔹️Akka qilleensaati, ukkaamsee nama qabu caalaa, bilisummaatti nama ishee tiksutu of harkatti hambisuu dandaha.

↪️ Isheen egaa akka durbummaatis, altokko yoo cabde deebitee bakka duriitti argamuun hinjiru, jedhan”warri qoratan!

Dhaamsa!

Yeroo tokko tokko wanti  miidhamaaf aarsaa guddaa itti kafaltee garuu kan yeroo hedduu itti gammaddee jiraattu yoo jiraate miidhama jaalalaati.

Jaalalli dhugaan nama ati jaallattu sanaan hagamuu yoo jibbamtellee yeroo hedduu gammachuu siif kenna. Ati miira itti boqottu tokko keessa keetii qabda. Onnee Qulqulluun ati qabdu sun kennaa hunda caaltu ta’u ishee beektaa garuu?

Waan tokkommoo hin dagatin!  Hagamuu jaalladhu, jaallachuu kee malee jaallatamuu kee waan hin beekneef gaaf tokko akka hin jaallatamne siif gala. Yeroo kanatti waan hedduutu sammuu keef guutummaa jireenya kee jeeqa.

Of jibbita. Miira achi keessa jiru hunda baasee dubbachuun narra hin jiru. Dhugaa kana marri keenyayyuu waan beeknuuf!  Onneen waan ajajatte dhabde tun guutummaatti dalagaa ishee dhaabdi. Waan fedhii ishee sana malee homaa simachuuf baay’ee rakkatti.

Ija ishee… yaada ishee… fedhiif hawwii ishee hundumaa raawwattee irraa deebiti. Abbaan fedhe ishee hawwee, barbaadee… karaa isheerra imalee of kennee argachuu hin danda’u. Wanti nuti jala murree beekuu qabnu… Dhugaan onneerra jirti.

Gaafa dhugaa ishee dhabdu ni kottoonfatti. Lamuu deebitee of hin kennitu. Of qofa dhaggeeffatti. Hunda irraa dhimma dhabdi.  Karaa mataa ishee yaada mataa ishee… karooraaf ejjennoo mataa ishee qofa hordofti. Atis inni gattee dhugaa ishee nyaatte, atis inni barfattee dhugaan ishee argachuu feetu tasuma akka arguu hin dandeenyetti of golgiti.

Miidhama darbes mi’aa jaalalatiin aguugdee mudaa isaa dhoksiti. Qananii dhufu isa darbeen madaalti.
Dhugaa si harka jirtu hin darbatin. Darbannaan barbaachi hin argu.

Baayyeen  jiruuf jireenya isaa keessatti kallattii hedduu diriirfatee jiraachuuf hawwa. Namaan waliigaluu, jireenyuma mataa isheetiin walii galuu, haala isa muudatu kamiinuu walii galuu, fi Gammachuu isaa qooddattee, gadda isaa itti cabee, dhaba isaa urursee, argatu burraqee fedhu abaaree fedhu eebbisa.

Kun egaa ilaalcha osoo hin taane walitti bu’isa isa jiraatuuf jireenya gidduu jirudha. Jiraataan jireenyaan wal hin beeku. Wal dubbisuun, yaada jireenyaa, imala jireenyaaf dhandhama jireenyaa isa dhugaa ukkaamsee fakkeessee jiraata. Kanaaf waligaluu isaan dhiba.

Anillee akkasuma. Yeroon jireenyaan waldhabe, kallattiin jireenyaa narkaa badu nan qaba. Kun maaliif jedhee garuu aniif jireenyi waliin hindubbannu.  Walhin beeknu. Waliigaltee hinqabnu. Kanaaf jireenyis karaa ofii filatte, anis karaan ofii filadhee itti of dirqamsiisaa jirurratti natti dukkanaa’e. Maaliifan jedhe beektuu?  Waggoota muraasa dura jireenya koo har’aa kanaan walhin beeknu ture. Kan deemu harka duwwaa qofa miti, sammuu duwwaas imalaan ture. Bakkan deemutti qaama kootiin qofan malee sammuu yaaduun deemaan turre. Karooraaf kaayyoodhaan imalaa hin turre. Eenyummaa fi anummaan koo gatii akka qaban beekaas hin turre.  

Egaan haalli kun jijjiiramee… jireenyaan walbarbaadnee, waliin dubbannee… lammata harka duwwaas sammuu duwwaas deemuun akka hin jiraanne waadaa jireenya dhugaa walitti laanne.

Anis waan dur naaf hin galleef waanan duraan hin beekne erganaa bareen hubadheen guutuu ta’e.  Cimina horadheen gatii guddaa, bakka guddaa jireenya koof laadhe.

Jiraachuu isa miira dhugaa qabutti gammaduun eegale.
Simboo dubbii koo, tartiiba jechoota koo, hawwannaan barreeffama koo, Filannoon jechoota koo, 

Kana hundaaf Icciitii guddaan duuba koo  jiru… Suura armaan gadii kanaaf kanneen birooti.
Dhaloonni kan beekuuf kan qabu gumaachee nama jijjiiru dabalee daddabalee haa jiraatu.

Namoota irraa waan baay’ee hineegin!

Jireenya kee keessatti, gammaduuf, boqochuuf, bakka yaadni keef lapheen kee jiru gahuuf namoota hin eegin.  Namni waan fedhii keef bakka fedhii keetti argamu jireenya kee keessatti yeroo tokkoof lama si muudachuu danda’a. Harki caalu garuu kan sin hubanneef sin beekne, siif dhimma hin qabaannedha.

Jireenya kee keessatti, jiruu kee irratti murteessaa fi inni aboo qabu qaruu suma mataa keeti. Kanaaf waan hunda namoota irraa eegutti yeroo kee hin gubin.

Waan rawwattu kamiifuu onnee guutuudhaan, ofitti amanamummaa guutuudhaan jalqabi. Iccitiin kufuu keetii suma biratti akka hafu, icciitiin milkaa’ina keetii hunda gahee akka hamilee namaaf ta’uuf ofuma keef tattaafadhu.

Hin dhiphatin.
Jireenya keef waan gammachuu kennu irratti xiyyeeffadhu. Gammachuu qabda taanaan, waan si barbaachisu haala salphaatiin argatta.
Yaadniif haalli kee bakka jirtu sanatti cimee dhaabbachuuf gahumsa qabaachuu qaba.

Waan qabduuf waan jaallattu, waan siif gaarummaa qabu kamuu isa kaaniif qoduuf hin waakkatin, beekumsa, gorsa, maallaqa, humna, waanuma kennaa siif ta’ee siif kenname nama akka keetti hin waakkatin. Of garuu hin dagatin.

Gaafa kana tatee argamte, ati of bira darbitee namoota akka kee yaadaan bilchaatan oomishuu dandeessa.

Ofii keef yeroo kenni. Jaalalaaf naamusaan, obsaan, boru yaaduudhaan jiruu kee har’aaf haala kee har’aa keessa darbi.
Haal duree tokko malee  jireenya keerraatti of oggani.

Ofummaa kee simadhu!

Nama tokkon barbaadamuu dhabuu keetiin, guduunfamtee, dhokattee, of jibbitee, of tuffattee, boo’ichaan, yaadaan of ceephaata taanaan, rakkoon nama sin barbaadne sana bira osoo hin taane, si bira jira.

Namoota birootiin barbaadamuu dhabuun kee, kophummaaf aaraada adda addaaf, jeequmsa sammuuf yaadaatti si geessa taanaan, ammas rakkoon namoota biroo bira osoo hin taane, suma bira jira.

Of hinilaalle, ofhindhaggeeffanne, ofii bakka hinkennine, ejjennoof kaayyoo keef hinjiraanne, eenyummaa keetti gammachuu hin qabdu, jaalala ofii keef hin qabdu jechuudha.

Kanaaf kan sin barbaabdneef osoo yeroo kee gubuu bira darbitee jireenya kee dagachuuf karaa saaqxuu, hunduu sitti taphatee sokka. Kaayyoof karoora kee si dagachiisa. Of si irraanfachiisa. Sababni isaa…ati ofii keef bakka guddaa kennaa hin jirtu. Jalqaba jaalalaan of simachaa hin jirtu.

Of ilaali, akkamittan of ilaala? Of jaalladha? Ofii kootti akkamiinan sababa tokko malee gammada? Akkamittan eenyummaa kootti boona? Jedhii of gaafadhu.

Yaadota jiruu kee jeeqan hunda jireenya keerraa ittisi. Of jaalladhu, of kabaji, ofii keef bakka guddaa kenni. Gaafas kan sirraa fagaat anis, kan situffatanis, kan sirraa dheessanis,si barbaadu.
Haal duree tokko malee Of jaalladhu!

Gorsa!

Guyyaa hunda miira nutti dhaga’amu tokkotu jira. Innis, haalaaf bakka garaagaraa keessatti, jiruu keenya guyyaa guyyaa gaggeeffachaa dabarsina. Jiruun nuti dabarsinu kun miira dhugaa nu keessatti uumu qaba. Dadhabbii, bashannana, aariif gammachuu,

Haala kamkeessattuu muudannoo miira dhugaaf taatee dhugaan nurratti raawwataman hedduu qabna. Miira kana callifnee bira darbuurra. Boru ilmaan keessan waan irraa baratan qabu waan ta’eef miira dhugaa amma sitti dhaga’amaa jiru gara fuula waraqaatti cobsi.

Har’a hedduun dadhabee jira waan ta’eef, miira dadhabbii koo dhugaa sana hojiirra oolchaan  jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *