The Truth You See In A Girl Is Love.
Dhugaan Ati Shamarra Takkarraa Argitu Jaalala.
Dhugaan ati shamarra takkarraa argitu jaalala. Shamarri takka dhugaan si jaallannaan duuba hin deebitu. Sin jaallanne taanaanis sobaan sii kufeen caba hin jettu.
Tarii takka jaallattee dhabdee jennaanis kan isa booda dhufuuf hagas mara miti. Jaalalaaf shamarri haalduree tokko malee of kenniti. Siif waan hunda dhabdi. Jiruu ishee mara si waliin ta’uu filatti. Haasaan ishee yeroo yeroos akka suma waliin ta’u barbaaddi. Dubbiin kee jiruu ishee miidhagsa. Yeroon ati isheef laattu jireenya ishee mijeessaaf. Fooliin jaalalaa isheen sirraa argattu waamara ishee urgeessaaf!
Waa’ee kee dubbaachuun, yeroo hunda suma yaaduun, jiruu ishee yeroo hundaati. Siif jiraatti. Sumatti gammachuu argatti. Sumaan of jabeessiti. Waan raawwattee hin beeknellee si gammachiisuuf boolla hedduu lixxi.
Si jaallatti malee, haala kee miti. Kanaafuu ati jaallatamaan maaf ishee dhaggeeffachuu dadhabda ree? Akka jireenyi ishee si malee hintolle osoo beektuu jiruushee maaf abdii dhorkita ree? Maaf dhugaa jaalalaa madaala irra keessaatiin tilmaamta ree?
Maaf haga isheen abdii ishee hundaaf deebii dhabdutti calliftee ilaaltaan ree?
Yeroo hedduu dubbiin akkasii ni dubbatamu. Hedduun amananii fudhachurra. Soba jedhanii waan meeqa dubbachuutti fiigu. Dhugaa kana garuu amanii fudhu. Shamarri takka jaallattee si filatte, jiruu isheetti si malee gammachuu tasa hin argattu.
Si dhabdus, sidagachuuf aarsaa hedduu kafaluu dandeessi. Akkuma jaalala keetti cabde, jaalala ati kennuufi dadhabde sana, jaalala ati irraa simachuun sitti cime sana, onnee jaalala siif karra ishee saaqxe sana cufuufillee deebitee cabdi.
Egaan si booda namni jireenya isheetti dhufu kamtuu dhugummaa jaalala ishee isa si waliin dhidhime sana argachuu hindanda’u. Isheenis onnee dhugaa sana deebitee amansiisuuf ni rakkatti. Wanti jaalala kee dhabuun ishee muudatu kamtuu jiruu ishee addaan facaasee jira.
Shamarran si jaallattuuf of eeggannoo godhi. Kabajiin! Jalqabuma akka isheen of hin kennine of eeggannoo godhi. Akka isheen sitti siqxee booda hin miidhamneef har’uma irraa fagaadhu. Osoo isheen sin barin, osoo isheen sin abdatin.
Kana kan gootuuf jireenya ishee isa fuulduraatiif yaaduudhani. Mee yaadi… gaafa dhugaa jaalalaa dhabdu miira isaa! Akkuma atis kan onneen kee barbaaddu dhabdee itti cabdu sana kan ishees onneen ishee si barbaaddee yoo dhabdu! Akkuma ati ishee onneen kee feetu qalbiin kee yaadu gaafa dhabdu Maqaa shamarran hundaa isheef jecha jibbitu, isheenis maqaa dhiira hundaa jibbiti.
Kanaaf shamarran akkasii si muudattee jirti taanaan miira ishee hubadhu. Haga isheen waan ati ishee jibbituuf hubattee ofiin si biraa haftutti. Haga isheen bakka dogoggoraa ijaajjuu ishee beektutti… Na oofkalchaa!
Shamarran miira kana keessa jiraniif!
Jaalala keessatti dhiirris shamarris miidhamoodha. Shamarratu hamtuudha , dhiiratu hamaadha jedhamee caalmaan itti kennamuun tasuma hindanda’amu.
Jireenya isa tokkoo dukkaneessa malee! kanaaf, atis yaa ishee durbaa, atis yaa isa dhiiraa…durba si jaallattu kabaji yeroo kenniif, haala itti si hubattee sirraa of qabaa deemtuun itti dhiyaadhu, atis yaa ishee durbaa, dhiira si jaallatuuf, yeroo kenni, yoo jaalala isaaf bitamuun sitti ulfaatu, haala inni itti si hubatee jireenya biraa filachuu danda’uun amansiisi.
Osoo jaalalli isaa si keessa hin jiraatiin, bifa isaa, haala isaa, qabeenya isaa ilaaltee jaalala malee, miira keessa keetii maddu malee, ergaa sammuun kee dabarsu malee, fedhii gubbaa irraa ifuun jireenya isaatti hin dabalamin. “Keessi koo sin fedhu, sitti na kennaa hin jiru” yoo jettee amansiifte, badii raawwatte miti. Murtoo keessi kee sitti kenne raawwatte malee! Sobaan itti dhiyaattee jiruu nama si jaallattu sanaa baraan dukkaneessuu keerra, dhugaan irraa fagaachuuf karaa mijeessuu keetu isaafis siifis gaariidha. Waan hedduutu jira. Mee jaalalli kun maaf akkana ta’e laata?
Jaalalatti hin ariifatin.
Tarii miirri yeroo jaalalatti seentuu sun muddaa ta’uu danda’a. Of tasgabbeessuuf yeroo siif kennuus dhiisuu mala. Jaalala keessatti obsi karaa kee walqixxeessaa beeki.
Dhiirri tokko shamarra takka karaa adda addaatiin jaallata. Jaalalli isaa dhaabbataa ta’us dhiisus miirri sun garuu miira jaalalaati.
Wal baruu keessatti waliin dubbii yeroo maraa ishee waliin taasisa, itti siqaa, of barsiisaa deema. Qoosaa, keessa keessa immoo waan ijoos dudubbachaa ittiin waliigalaa deema. Tarii maaltu beeka, waan isheen dubbattuuf raawwattutu itti tole ta’a. Qoosaa ishee, gorsa ishee, ykn immoo bifa ishee! Kamiifuu dhiirri tokko sababa tokko malee sitti siqee si waliin haasa’uu hin fedhu.
Kana keessatti gama lamaan ilaalla. Inni tokko waan isheen onnee isaa seenteef itti siqee waan keessi isaa itti isa dirqamsiisu sana ifoomsuuf, inni biraan immoo nama jabduu waan taateef dinqisiifannaa fi hubannaa isheef qabu ifoomsuuf jedhee itti siqa.
Inni jalqabaa ishee jaallachuu isaa himuuf waan ittiin ishee gammachiisuu jechoota filatee yeroo hunda dinqisiifataan, Walumaagalatti isheetti akka gammaduuf, isheen shamarra hunda irraa akka waan adda taateetti ajaa’ibsiifataan, jaalala dhugaa akka ishee jaallatu himaaf, rakkoo isheen qabdullee ija banatee ilaaluuf eeyyamamaa hin ta’u.
Hunda isaa miira yeros keessa jiruun hagugee darbuu fedha. Sammuun shamarree kanaa immoo muraasni itti amananii kan na jaallatun argadhe jechuun of murteessu. Kaan isaaniimmoo, boru haalli kun akka jijjiiramu fageessanii yaadu. Ati ishee kamiree?
Asirratti dhugaa yoo dubbanne, ati eenyummaa kee dhugaatiin dhiira jiruu naaf ta’a jettutti dhiyaadhu. Garuu dhiirri hundi eenyummaa kee dhugaatiin akka sin simanne amanii beeki. Kan itti amanee si simatu garuu muraasa.
Qabxiin lammataa kan si dinqisiifataa sitti dhufu sana. Innimmoo dhimma jaalalaa sitti hin kaasu. Si hordofa, haala kee, hojii kee, dubbii kee, yeroo hunda nagaan isaa sirraa hin fagaatu. Si jajjabeessa, si gorsa. Haala kamiinuu si waliin ta’a. Yeroo siif kenna. Kana keessatti miidhamaan eenyu ree?
Shamarra dhiirota akkanaatiif baay’ee of kennu. Tarii osoo inni hin beekin haala isaa kanaan turtii yeroo dheeraa waliin dabarsan irraa kaatee jaallachuuf saaxilamti. Sun immoo miidhan isaa isheef hamadha. Shamarri haaluma baratamaa jiru irraa kaatee keessa ishee waan jiru baaftee dubbachuuf ni rakkatti.
Irra caalatti immoo walitti dhufeenyi isaanii gama isheetiin yoo jijjiiramee dhufu isaaf miirri ishee sun simatamuu dhiisuu mala. Kanaaf furmaata dhabdi. Tarii haga dhumaattis isa dhabuuf saaxilamuu dandeessi.
Wantin dhimmoota kana kaaseef, jaalala keessatti ariitiin hin barbaachisu. Miira amma si keessaa boba’aa jiru tasgabbeessuuf dhama’i malee, miira sana baaftee dubbattee fixuuf hin ariifatin. Ammuma miirichatti fayyadamnaan carraa jaalala yeroo dheeraa qabachuu keetii guyyaa lamaf sadi hin darbu.
Shamarra takkas yoo jireenyi keef yaadni kee akka kan ishee ta’u yaaddee hin jirtu ta’e, maaf hagas mara of kennuun barbaachise? Gabaabumatti biraa hafuun dhibbaan haganaa akka isheerra hin geenyeef, isheen jaalala keen akka hin qabanneef ofii biraa hin haftu ree?
Ani haala yeroo irrattin dubbadhe. Na oofkalchaa! Ammas Jaalalatti hin ariifatinaa!

Jireenyi, waan ta’e osoo hin taane, waan ta’uuf jiruuf deebii ati kennitudha.
Aartee, jaallattee, jibbitee, miira kamuu keessa jiraattee deebiin ati haalota kanaaf lattu waan jireenya kee fuulduraa dukkaneessuu ta’uun irra hin jiraatu, qooda kanaa hunduma haala gaarummaatiin keessummeessi, dhugaan garuu, haala kana keessa daqiiqaa, sa’atiwwaniif yoo xiqqate guyyoota muraasaaf keessa turta. Sa’atii itti miirri kee si hogganuuf ariifatutti, sa’aatii aariin kee, jibbi kee, of galaafachuuf fiiguun kee, of too’achuu dadhabuun kee jireenya kee muddu sanatti, rakkoon keessa seentu kan waggoota hedduuf keessaa furamuun sitti cimu ta’uu mala.
Aariidhaan waan amma dalaguuf jirtu kana waan inni qabee sitti dhufuuf jiru dhaabbadhuu yaadi, tarii…badii guddaa ta’uun hin ooluum!
Amm waanan aaree jiruuf, namni na cinaa jiru kun aariin ittiin of qabuu hin dandeenye waan narratti raawwateef, nama kana jiraatee arguu hin barbaadu. Intalli koo hangafaa safuu cabsitee manatti narratti ulfoofte , ajjeeseen harka kennadha. Haati warraa koo narratti dhiira biraa jaallatte, ajjeeseen harka kennadha. Kana qofa miti, jechoonni kun miirota ittiin aarii keenya keessatti daddabalamanii uumamanidha.
Haalota kana raawwachuun dura yaaduun miidhama kees kan isa itti murtaa’aa jiruus yaaduun obsuun, of qabuun, haalicha simachuuf of amasiisuu malee, rakkoo biraa uumuun gaarii fi furmaata akka hin taaneetti hubadhu.
Ani waan isaan badii kana raawwataniif, ajjeesee harka kennachuun yaade, haalota harka kennachuu keessatti na muudatan garuu yaadaa hin jiru. Miira koo isa hamaa of qabuu na dhoowwaa jiru qofan caqasaa jira.
Dhiirri tokko miira dhiirummaa isaa too’achuun itti ulfaatee durba takka gudeeda. Yookaan haaluma.kamiinuu amansiisee miira isaa sana tasgabbeessa. Maaltu beeka, tarii gudeedee seeraan gaafatama, ykn maatii shamarree kanaatiin adamfamaa jiraata. Jireenya boqonnaa hin qabne jiraachuun miira isaa daqiqaa xiqqoo sanatti isa muudate.
Shamarree sanas ofii isaas wanti fayyadame hin jiru. Ishees jireenya ishee keessatti carraa takka qabdu harkaa balleesse. Innis jireenya isaa isa gammachuuf boqonnaa hin qabne jiraata.
Argitee miira isa rakkisaa jiru sana haalli inni itti simate jireenya lubbuu lamaatiif bu’aan inni buuse?
Jaalallee koon dhabe kanaaf boo’aa jiraachuun anaaf taatee koo guyyaa guyyaati. Fayyaa osoon jiruu garuu waan uffadhu, waan nyaadhu, waanuma hundaan, iyyeessa of godheen jiraadha. Ani nama miti jedheen of tuffadha. Ofan jibba, jiraachuun naaf hin malun jedha. Karaa hundaan yaada koo kanaan haguugeen achumatti hafa.
Miira kana garuu osoon too’adhee, nama hojjetee of jijjiiru, nama of jaallatu, nama of kabju nama bakka yaade gahu ta’uu akkan danda’us osoon yaadee hoo?
Kanaafan jireenyi waan ta’ee darbe keessatti of hidhuu fi of guduunfuu osoo hin taane, waan ta’aa jiruuf deebii ati kennitu, waan ta’uuf jiruuf qophii ati taasiftudha.
Yaada kee waan darberra osoo hin taane waan sitti deemaa jirurra kaa’i, gaarummaas dabas haala ittiin simattu yaadii of qopheessi.
Waan xiqqoo nu miireessee nu ariifachiisee, nu muddee, boqonnaa nu dhorkee rawwii addaa keessa nu galchuun too’atamuu irraa of haa qusannu. Jireenya keenyaaf naannoo keenya dukkaneessuuf osoo hin taane, ofii keenyaafi nannoo keenyaaf uumama naannoo keenyaaf illeen ifa haa taanu.
Jabeessitee, fageessitee yaaduu, akka cimtee jabaattee hojjechuutti ilaali.
Qaamni kee waan socho’ee dalagu kamuu ergama isaa yaada sammuu kee irraa simateeti.
Tattaaffii kee waan dabaluuf waan kamuu gochuuf raawwachuu keetiin dura, yaada sammuu keef fedhii sammuu keetii dursi.
Kennaan uumamaa sammuu kee keessa jiru, daangaa hin qabu. Kunimmoo fedhii fi yaada keef ajajamaadha. Waan raawwachuu feetu hunda qofa yoo yaaddu fi fedhii keetiin akka ta’etti yoo fudhattu humna keef dandeettii kee gara waan raawwachuu barbaaddutti walitti kuusaa jirta jechuudha. Namummaan kee inni guddaan dandeettii kee kana. Ergama keessa kee jiru,keessi kee yoo argu, qaamni kee raawwachuuf hin dadhabu.
Qaamni kee waan tokko humnaan raawwachuuf ni rakkata taanaan, waanti keessa kee jiru walxaxaa ta’uu isaa hubadhu. Yaadniif fedhiin keellee kan wal hin simanne ta’uu isaa beeki.
Gaaf kana immoo raawwachuu dhiisii yaaduu itti fufi.Wacaaf jeequmsa hundarraa fagaadhu. Kophaatti of dhaggeeffadhu. Ofii keef yaada kee waliin asaasi. Waan gochuu ykn raawwachuu feetu sana gadi fageessii yaadi. Suuta suuta cimsitee yaaduun gara jabaattee hojjechuu ykn raawwachuutti si geessa. Fedhiif hawwiin keessa kee jiru, firii alatti mul’atu ta’ee bahuu eegala. Jabduu ta’e. Yaadaan jabannaan gochaanis jabduu taata.
Kaayyoo kee irratti xiyyeeffachuu gaafa jalqabdu namoota hedduu dhabuu jalqabda.
Namoota jaallattuuf kabajju, namoota kaleessa “siif jirra” jechaa turan, namoota adeemsa si jalqabsiisan, namoota fakkeenya siif ta’an, keessumaa immoo, namoota guddiftee isaan eegduuf, jireenya kee keessatti bakka guddaaf kabaja guddaa kennituuf dhabuu eegalta.
Kaayyoon, ejjannoon keefi dhugaan ati qabdee itti deemtu sagaleewwaniif waca nannoo kee jiruun adda si baasu. Dhugaanis, kaayyoo ofiif jiraachuunis jaallatamaa sin taasisan. Haqa kana simattee kaayyoo keef dhugaa qabdee jirtuun imala kee itti fufi.
Kan si gatee sokkeef yeroo kee hin gubin. Sun durumaa waca sobaati.
Namoonni bakka itti si eeganiif bakka itti si yaadan sana darbitee akka mul’attu hin fedhan waan ta’eef, isaan caaltee argamuu keef isaanii olitti nama kaayyoof karoora qabu ta’uu kee hin fedhan.
Sababni isaa Nama waan ta’aniif! Ofii olitti sin yaadan waan ta’eef, caaltee argamuu keef, jabaadhu, itti fufi kan siin jedhan muuraas lakkoofsaan xiqqoodha. Kaayyoo keetiif ejjennoo keetiif gafa cimtee dhaabbattu namoota, hiriyoota dhabdu sanaaf garuu hin dhiphatin, isaan dhabe jettee kaayyoo kee hin dhabin isaan dhiisi.
Milkaa’inaaf galmaga’iinsa yaada keetii wanti dursu akka hin jirre beeki. Akka of dagattuuf akka dadhabdu, akka teessee yeroo kee gubdu kan barbaadaniif gurraaf yaada kee hin ergisin.
Ni milkoofta, jabaadhu, jedhanii yaadaan kan si jabeessanitu hiriyaa dhugaa keeti. Isaan gurra dhaga’u yoo qabaatteef, kaayyoo itti cichite waliin milkoofta. Jabaadhu Hiriyee!
Waan ati har’a akka qoosaatti gara jireenyakeetti fiddu bor kiyyoo ta’ee xaxee si kuffisa. Kufaatii dhagaa irraa. Kufaatiin dhagaa hamaadha, kan fuula muuja’urra kan ilkaan namarraa fixu.
Waktiin kun, osoo hin beekiin bara nuti albee mataa keenyaa itti qarachaa ofitti qoosaa adeemnudha. Balaa inni bor nurraan gahu osoo beeknuus osoo hin beekiinis.
Walumaagala, gaarii ati gootuuf shaakallikee guyyaa har’aa bor si milkeessuufis hiriyaa biraa qossa’ee si hambisuuf shoora olaanaa taphata. Hin goyyomiin ni darba, darbee si gaabbisiisuuf of si jibbisiisuuf jira. Ofiikee irratti hojjedhu, nama har’a waan arge laaqee bor du’a hawwu ta’uuf of hin qopheessiin.
Hojii online irraa birri argaachuu hin barbaadu yoo ta’ee application kana iddoo Install jedhu xuquu buufadha hojii jalqaaba carraa gaarii