Love Requires Gifts!
Shamarran biyya arabaa jirtanu; Dhiira Fb irraaf osoo hintaane, tokkoffaan kaayyoo biyyaa baataniif yeroo hunda yaadachuuf isaaf jiraachuu dagachuu hinqabdan.
lammaffaan immoo yeroo qabdanitti waan barreeffamee jiru kamuu dubbisuuf fi taatoo adda addaa ilaaluun sammuu keessaniif yaada keessan ijaaruu irratti xiyyeeffachuutu isin fayyada.
Dubbisa keessatti, inumayyuu kaayyoo baataniifitti akka cichitanii, jabaattanii hundaaf fakkeenya taataniif isin gargaara. Sammuu keessan daran dhiphina irraa fageessa. Ofitti amanamummaa keessan dabala. Miira gadaantummaa isinitti dhaga’amu sinirraa mulqa. Dandeetti qabdan isin hubachiisa.
Kanaaf haala kam keessattuu dubbisaan yoo firoomtan caalaatti galma geessu jedheen amana. Gama kootiin waan na fayyadeefani
Obboleettii koo, biyya hambaa teessee jaallachuun waan baay’eef si saaxila. Isumaa nama hinbeekne.
Wanti hedduminaan argaa jirru… Tokkoffaan jaalala hamaa sammuu kee boqonnaa dhorkuuf, lammaffaan, yaadaan jeeqamuu, sadaffaan, kan obsa hinqabne heedduuf immoo haga lubbuu dhabuu, haga of miidhuutti geessuus danda’a.
Jaalalli barbaachisaa miti jechuuf osoo hintaane, hundaa haalaaf akka, akkasuma bakka isaatti, yeroo isaatti gaariidha. Hundi tokko miti.
Dubartii, jajjabni gatiin ishee ofiif kennitu guddadhaa.
Kabaja ofii isheef eenyummaa isheef qabdurraa kan madde, namootaaf illee kabaja qabdi. Ofitti amanamummaa isheetu ishee hooggana.
Of dhaggeeffatti. Haalota kamuu ilaalcha salphaatiin dabarsiti. Yeroo hunda (positive) dha. Raawwiin ishee kamuu of eeggannoo qaba. Fuula namoota hedduutti haala itti madaalamtuun argamuu hin feetu. Dandeettiin ishee waardiyyaa isheeti. Abdii kutannaan isheerraa hin mul’atu.
Fuula iftee argamuu, jaalala namootaaf qabaachuun isheerraa hin fagaatu. Uumamaan walii galti, bakka nagaa isheef kennu, bakka itti of dhaggeeffattu filatti.
Dubartiin cimtuun, jireenya ishee tasallee badiisaaf, dhiphinaaf, kufaatiif hin saaxiltu. Waan hundarraa barachuun, hawwii isheeti. Bakka ishee hin madaalleef ishee hin tarkaanfachiifnetti argamuun mul’ata ishee miti.
Ciminni ishee, dandeettiif, mul’anni ishee namoota biroof bu’aa buusuu yoo baates, isheef garuu riqicha ce’umsaa, galma gahumsa isheeti. Dogoggora isheetti gadditi miti, irraa deebi’uuf irraa barachuutti dhimmiti. Dubartii jajjaba akkasii keessattin of ilaalaa! Isin hoo?
Addunyaa tanarra dubartii ati beektu sadi ykn lama qofa miti kan jirtu.
Ati shanis kudhanis beekuu dandeessa. Isaaniif amala isaanii bartee jirta. Amala isaanii fi fedhii isaan irraa argiterratti hundooftee maqaa hedduu itti moggaafta. Isaan bira tartee maqaa dubartii kudhaniitti dubartoota hunda fakkeesita.
Dubartiin ati yeroo hunda, qarshii jaallattu qabeenya jaallatu, waan ati qabduun, konkolaataa, Mana jireenyaa, qabeenya irraa hafaa isa ati qabduun akka sitti hidhamuu feetu, si osoo hintaane isa ati qabduu akka hawwitee sitti dhuftu dubbattu sun; hunda bakka buute sitti hin fakkaatin. Dubartii dhibooftuu ati beektu, dubartii of jajjuu ati beektu, dubartii dadhabduu hirkattumaa feetu kan ati beektu qofatu addunyaa guutee jira sittin fakkaatin.
Warra gochaaf haala kana keessa jiran lakkoofsaan muraasaan, dubartoota addunyaa kanarraa mara arrabsuuf xureessuu hin filatin. Dubartiin jaalala hin beektu, onnee koo miite, meeqa na cabsite, qalbii koof, jiruu kootti gufuu taate, jettee, ishee muraasa beektuun isheee hedduu jaalala beektuuf, jaalalaaf amanamtu, ishee jaalalaaf of kennitu, ishee gootummaa jiruu mijeessuu beektu, ishee of dandeessee waan meeqa hojjettu, ishee kabaja beektu hedduu maqaa hin nyaatin.
Addunyaa tanarra, dubartoonni , jaalalaaf of kennan, dubartoonni jaalala kunuunsan, Dubartoonni jireenya dhiirota hedduu ifa godhan, dubartoonni , fakkeenya waa maraa ta’an hedduun akka jiran sammuu keetti yaadi. Dubartoota lakkoofsaan hedduu gaarummaan isaanii, fakkeenyummaaf ciminni isaanii dubbatamee hin dhumneef hin dubbatamin hedduun akka jiran hubadhuu beeki. Lakkoofsi isaanii isa ati beektuuf, argiterraa dachaa meeqa akka caalu hubadhu. Ishee beektu qofa sammuutti, qalbiitti onneetti xureessaa, ishee hin beeknetti quba hin qabin.

Jireenya kee keessatti dubartii beektuu sana qofa odeessaa hin hafin, kanuma akka isheetu si marsa waan ta’eef! Waan geengoo sana keessatti si hambisu yaadaa hin hafin, jijjiirama biraaf sammuu haarawa biraa horachuuf si rakkisa.
Jireenya kee keessatti dubartoonni si aaressuu, si jijjiiruu, si gammachiisuu fi si guddisuu danda’an hedduun akka jiran hubadhu. Dubartoonni gaarummaan isaanii daangaa hin qabne hedduun akka jiran yaadi.
Takkaf lama ishee ati beektu qofatu uumamee jira miti. Uumamni hundi ishee ati beektutti fakkeeffama miti. Kan dachaa ishee caalan, dubartoota gaarummaaf, arjummaan isaanii daran namoota hedduu jijjiire hedduudha. Kan madda gammachuu keetii taatu dachaa warra gadda kee ta’aniitu jiru. Ilaalcha kee jijjiiri. Atis yoos jijjiiramtaa!
Jaalalli kennaa barbaada!
Kennaan jaalalli barbaadu inni guddaan yeroodha. Jaalalleewwan lamaan yeroo waliif kennuun isaanii mi’aa fi si’aayinaa fedhii jaalalaa gidduu isaanii jiru daran dabala.
Jaalala keessatti innis, isheenis, walii isaaniif yeroo hin kennan taanaa, gidduu isaaniitti dhiphinni, yaadni, mufiin, dabalaa deema. Haalonni kun haguma sammuu isaan lamaanii dhuunfachaa deemu nageenyi isaaniis badaa, jaalalli isaanis qorraa fi hir’achaa deema.
Ammam yoo yeroo dhabde isheef yeroo dhabuu hin qabdu. Ammam yoo aarte, dadhabdeef, maddi gammachuu keetii hiriyaa jaalala keetii akka siif ta’uuf halli mijataan ati ishee waliin dabarsuuf qabdu murteessadha.
Yeroo kee kamuu hiriyaa jaalala keetii waliin dabarsi, sun caalmaatti gaarummaa, miidhagaaf, obsa jaalalli qabu ishee barsiisa. Jechoonni jaalalaa ati jaalala isheef qabdu ibsuuf fayyadamtu immoo yeroo kamuu hawwiidhaan, miira jaalalaatiin akka si eegduuf si hawwitu ishee taasisa.
Waan jaalalli barbaadu kana guutuuf ati maalummaa, Kabajaa, wal hubachuu, Kunuunsaa, fi obsa akkasuma amanamummaa beekuuf baruun dirqama. Hiikaaf maalummaa akkasuma barbaachisummaa isaanii beeknaan kunuunsiif kennaan jaalalli barbaadu kanuma. Jaalalli keessan haa latee lalisu!
Hin sodaatin!
Waan raawwachuu, dubbachuu, hojjechuu qabdu kamuu, namni maal naan jedha jettee sodaachuu dhiisi. Waanuma takkallee yoo sodaachuu baatte maal tataa mee? Kuftee cabdaa? Ni duutaa? Lafarraa baddaa? Si ajjeessuu? Si jibbuu? Iyyummaa keef, cunqurfamuu keef sodaattaa? mee….kana hundallee hin sodaatin. Du’allee yoo ta’e hin sodaatin.
Kanaaf sodaa keessa kee irra aani. Uumama kutannoo qabu, uumama jajjaba hundatti ija jabina qabu yoo taate, milkaa’inni kee hundi karaa isaa siif diriira. Hin sodaatin. Waan sitti mul’atuuf, si keessa jiru ija jabinaan raawwadhu. Ati sodaa sammuu keetiif hin gabroomin. Cimina kee mul’isuuf, kallattii jabina keetii diriirsuuf kutannoo qabaadhu malee!
Sodaan diina milkaa’inaati! Kiyyoo sodaa keetii cicciri. Daandii milkaa’ina keetii diriirfadhu. Sammuu keef yaada kee eenyummaa keessa kee jiru, miira sodaa jalaa baasi. Jabina keef karaa saaqi. Nagaan oolaa!