Amazing Story / Seenaa Aja’ibaa
Amazing Story / Seenaa Aja’ibaa
Namicha dureessa, abbaa qabeenyaa tokkotu ture. Yeroo hedduu qabeenya qabutti hirkatee badii hedduu dalaga. Namoota bitee qabeenya isaatiin warra harka qalleeyyii badiitti bobbaasa.
Kaan isaaniimmoo, doorsisa isaa keessatti kufu. Maarree namni kun guyyaa tokko namoota ollaa turan harka qalleeyyii lamaan gidduu seena. Jarri ollaa kun lamaan isaanii warra maatii qabani. Ollaan isaan tokko intala tokkittii qabu.
Ollaan isaan kaan immoo ijoollee hin qaban. Ta’us garuu inni ilmoo dubaraa qabu kun hagas mara jaalala intala isaatiif hin qabu. Toltus baddus, haadha garaan hin dandeenyetu dhamaatii meeqaan intala tokkittii qaban kana barsiisuun, guddisuuf walii gadi fiigdi. Ishee guddisuuf, ishee barsiisuuf, qe’ee namaa keessa deemtee ergamti. Ibidda mana namaa irra ooltee qarshii 20llee fudhattee galti.
Haati kun hagamuu rakkoon ishee miidhus ilmoo isheetti jaalala qusattee hin beektu. Ija sodaatiin ilmoo ishee ilaalti.
Namichi dureessi kun maatii kana gidduu seena. Dubartii ollaa jaallata. Erga jaallatee immoo mana warra ollaa isaan ilmoo dubraa qaban kanatti waamee achitti wajjiin turu. Haati manaa manaa waan mana hin oolleef jaarsi ilmoo dubraa qabu kun isaan mana isaatti walitti fida.
Deebisee, maatii kana gidduutti jette jetteen akka baay’atuuf akka isaan nagaa dhaban, akka isaan wal lolan dubbii gidduu isaaniitti kaase. Jaarsi abbaa dubraa kun haati warraa isaa akka dhiira biraa wajjiin jirtu sobamee itti himama. Innis kana erga dhaga’ee dhiira jedhame kana argee akka ajjeesuuf jaarsi dureessi kun guyyaa hunda itti deddeebi’ee miira aarii isaa itti kakaasa. Manattis haadha warraa isaa kana halkaniif guyyaa rukutuu, ceepha’uu ittuma fufe.
Abbaan qabeenyaa kun cimsee jaarsa kana firoomfate. Wajjiin bahanii galuu, waliin ooluu, wal malee homaa hin raawwatan. Gaafa kaan nama haadha warraa isaatti hamatame sana akka ajjeesuuf namichi dureessi kun haala mijeessaaf, jaarsis miira aariin nama sana ajjeesa. Namichi ajjeefame ollaa isaa isa waggaa hedduu hiyyummaa isaaniitiin wal jaallatanii, waliin jiraatan sana. Ittiin dubartii jaallatu sana argachuuf haqa dabsee ajjeesise.
Ta’us garuu isatu ajjeeseetti osoo hin shakkamin olee bubbule. Booda gaafa inni nama sana ajjeesu namichi dureessi kun dhabbatee video fi suurri osoo hin hafin waraabbate. Ragaa qabatee jiruun namicha hiyyeessaa kana doorsisuu jalqaba.
Dirqama kanaan intala isaa akka itti heerumsiisu gaafata. Innis tole jechuu malee filannoo biraa dhabe. Harka nama dureessa kanaatti kufe. Ilmoo isaa reefu ol guddattu, barnoota isheerraa, jireenya gaarii boru arguuf jirturraa fuudhee jaarsa, daba meeqa qabeenya isaatti hirkatee raawwateef ilmoo isaa kenne.
Gaafa kana haati ilmoo isheetti waan meeqaan gubatte didde.. Rakkoon sun akka ifa hin baaneef, ofiif jiraachuuf, ofiif adabbii jalaa bahuuf jedhee, haadha ilmoo isaas ajjeese. Akka waan of ajjeefteetti fannise. Namni fannifamtee arge hunduu sababa du’a ishee amanee fudhate.
“Of ajjeefte” jedhamee callifame. Ilmoo isaas namicha dureessa kanatti heerumsiise. Osoo akkuma nama nagaa jiraataa jiranii, isheen garuu jaarsatti siquu diddi. Yeroo naaf kenni jechuun kadhatti. Osoo kanaan jirtuu iccitii guddaan akka isaaf abbaa ishee gidduu jiru barte. Iccitii sana beekuuf, lubbuun ishee balaa heddurra geessus isheen garuu rakkoo itti dhufu simachuuf, qophii taate.

Namicha jalaa baddee dhokattee iccitii kana baruuf waan hedduu gootus hin mijanneef!
Badii maatiin hojjetetti adabamte. Ishees bakka baddee dhokattee isaan hordofaa jirtutti nama itti bitee. Baay’ina yaada ishee jeequrraa kaatee fayyaa dhabde. Waan hundarraa adda baate. Xiinsammuun ishee daran miidhame.
Ilaa badii keenyaaf nuti qofti itti gaafatamaa ta’uu qabna. Badiin nuti raawwanne maaf qaama biraa kiyyootti galcha. Maaf badii keenyaaf qaamni biraa caba hin fayyine caba? Keessumaa yakki maatiin raawwate, ilmoof taruun maali? Ilmoon jiraachuu, gammaduu, boruu ishee arguu hin qabduu? Adabbiin maatiif malu akkuma gocha isaaniitti isaanumaaf yoo hafe maali? Badii ofii keenyaaf dalagne ofii keenyaaf itti ggaafatamummaa baachuuf qophii ta’uu qabna.
Dubarri kun mana namicha dureessa kanaa baqattee dhokattus, inni ishee barbaachisuu ittuma fufe. Isheen dhugaa kana baruuf, dhokattee dubartii ollaa isaanii turte bira deemtee dubartii sana gaafatti. Dubartiin sun abbaa qabeenyaa kanaa waliin hidhata waan qabduuf, inumayyuu akka intalli harka isaatti deebitu barbaaddi.
Abbaa isheetiin, “Iccitiin inni ittiin si doorsisu maali?” Jettee gaafattus inni ilmoo isaa akka diinaatti ilaale. Isheenis haalichi akka waan salphaa hin taane hubatte. Ergasii akka maraachuu taate. Isaanis baqachuu dhiifte. Jaarsi Abban qabeenyaa kun ishee ni jaallata. Wanti inni itti hir’isu hin turre. Baay’ee kunuunsaan, jireenya irraa hafaa jiraatti. Ji’oota torbaa ol bakki ciisicha isaanii adda adda ture. Kana gochuun isaa waan ishee dhiphisuu hin barbaadneef ture. Baay’ee of eeggataaf, ni callisaaf.
Isheen garuu miira jaalalaa isaaf hin qabdu. Jaarsi abbaa ijoolleeti. Ijoolleen isaa biyya biraatti hojiin ramadamanii jiru. Dubra tokkoof, dhiira sadi qaba. Inni tokko dhiyeenya gara abbaa isaa akka dhufutu odeeffamaa jira. Isheen har’allee abbaa warraa ishee kana waliin jireenya eegaluuf qophii hin turre.
Garuu erga rakkoon gidduu isaaf abbaa ishee jiraachuu bartee sammuun ishee boqonnaa dhabe. Akka iccitiin gidduu isaanii jiru beekuu isheef sababani “kana booda siif hin obsu” jechuu isaati. Kana booda fedhii isaa eeguu akka qabduuf, yoo didde, abbaan ishee akka balaa irra jiru akeekkachiise. Isheenis sodaa kanaaf jettee dhiphina hamaa keessa seenti. Abbaa ishee dhabuu hin feetu. Kan qabdu abbaa ishee tokkicha. Itti hammaatus kan abdii godhattu isa tokkicha. Inni garuu akka isheen iccitii gudduu isaan lamaanii jiru akka bartu hin fedhu.
Gidduutti jireenya dhabde. Baay’ee waan gochuu dandeessu maratti dhamaate. Kophaa bakka namni yaadaan ishee deeggaru bira hin jirretti qilleensa taate.
Maarree gaafa isheen maratuu taatee, qullaa deemuuf, uffata ofirraa cirtee, akka feete abbaa feete dhagaa darbattee ariitu Jaarsi ishee fuudhe kun arge. Garaan dide. Inni ofiitti fiduu barbaadus. Ofiit butuu didde. Abbaa feete arrabsuu darbattee rukutuu, akka feete ta’uu. Jaarsichas akka feete itti dubbachuu eegalti.
Gaaf kaan immoo hirqitee boossi. Gaafa miirri ishee dhugaan itti dhufu imimmaan ija ishee lamaan irraa konkolaatanii morma ishee jalatti wal gahu. Abbaan har’allee naatoo hin horanneef. Jibbi inni isheef qabu ammas hin jijjiiramne.
Mana jaarsa ishee yeroo turtetti hojjettuu baay’ee wal jaallataniin qabdi. Gaafa ishee argitu gammachuutu itti dhaga’ama. Hedduu gammaddi. Akka haadhaatti naatiif. Hojjettuun nama guddoodha. Iccitii ishee hin dhokfattu. Akka isheen jaarsa hin jaallannellee ni beekti.
Hojjettuun kun sossobdee manatti fudhattee galteen, irraa miiccitee, irraa dhiqxee namummaatti ishee deebiste. Ammallee gaafa itti ka’e, dhimma ishee dhokfamee isheen ittiin jireenya akkasii seenuuf sababa ta’e kana baruuf dhimmiti.
Osoo hin turin Mucaan jaarsaa biyya hojiif turerraa dhufa. Inni gaafa ishee argu baay’ee dinqisiifate. “Hiriyaa keenya fuute, ijoollee akka keenyaati isheenoo” jedhee bareeda isheef umuriin gita walii ta’uu isaanii himaaf!
Booda hojjettuu kanaan , “ani dhugaa na dhoksanii jireenya kanaaf na dirqamsiisan iccitiin ani ittiin dararamaa jiru kanaaf iccitii abbaan koo ittiin akkas garaa natti jabaate kana baruufan mala kana maladhe malee, fayyaa kooti. Ani hin maraanne, garuu jireenya koo irra warra maraatee of dagate wayya” jettee boossee hojjettu kanatti dhugaa gubaa keessa ishee himti.
Hojjettuun kunis waan dandessuun akka ishee gargaartu waadaa seentiif, turtii booda mucaa jaarsaa wajjiin walittii dhufeenyi isaanii cima. Gaaf tokko tokko fuudhee baasee bashannansiisuu eegale. Keessi ishee akka nagaa hin taane waan beekeef, akkasuma umurii ishee kanatti abbaa isaa heerumuun ishee gaaffii itti ta’e. Yeroo namni ija laafee ishee ilaale imimmaantu dursee ija ishee guuta. Innis miira ishee kanarraa ka’ee akka rakkoo keessa jirtu bare.
Isheeni gaaf of qabdee dadhabdu waan keessa isheef rakkoo keessa ishee hunda baaftee mucaa isaatti himte. Innis kana booda waan hundaaf anatu ittigaafatama jedhee, mana kireessefii ishee dhoksee ofii isaa hojii eegale. Abbaaf ilmi wal lolan. Haga nama itti bitee reebsisuutti waanti inni ilma isaa hin godhin hin turre.
Intala sammuu ishee eegaa, dhugaa ishee barbaadaa aarsaa hedduu kafale. Kanuma keessa jaalala isheetiin dhuunfatame. Isheenillee jaallatteen. Garuu abbaa isaatiin hidhamtee waan jirtuuf gaa’ela biraatti seenuu hin dandeessu. Ta’us miira jaalalaa moo’achuu hin dandeenye. Innis waadaa isaa eegee…eenyu akka haadha isheef nama ollaa isaanii ajjeese bira gahe.
Ajjeesaan abbaa ishee, rakkoo kanaaf immoo ka’umsi abbaa isaa, kan adabbii fudhataa jirtu garuu lubbuu Qulqulluu akka ta’e beeke. Ishee wajjiin erga jaalala eegalanii bubbulanii waan tureef isheenillee addunyaa dhiphinaa sana jaalala isaatiin dagattee jireenya ishee keessa jirti. Har’a warri daba hojjete adabbii fudhatanii, warri Qulqulluun daba nama biraatiin raakamaa turan immoo, Ijoollee lama qabu. Jireenya gaarii jiraatu.
Dhugaan guyyaa ishee dheeratee, aarsaa hedduu si kafalchiiftus, dhumni ishee abbaaf galuun hin oolu. Jaalallis gita ofii fi bakka onneen dhugaa, onneen lamaan jaalalaan wal feetu qofatti biqilee hundee jabeeffata. Wanti bakka isaaf hin malle facaafame kamtuu firii gaarii hin godhatu.
Umuriin gara dhumaa keenya waan fokkisuuf, seenaa badaatiin, bakka fokkisaatti akka hin guraaramneef nuti galgala keenya haa yaadnu. Maqaa gaarii, hojii gaariin of haa qopheessinu. Maaluu taanaan garuu, daba ofii raawwanne kamiifuu nuti mataan keenya itti
gaafatamummaa fudhachuuf qophaa’oo ta’uu qabna.
Seenichi kanan dubbise irraati. Galatoomaa!