WALALOO

Fira Hin Qabu/ I Have No Friends

Fira Hin Qabu/ I Have No Friends

JAALALA!
Jaallachuun injifatamuu, moo’amuu dha.  Mee yaadaa! Waan hundarra, miira jaalalaa ibsachuuf namni dhugaan jaallatu tokko, nama jaallatuuf himuu baay’ee sodaata. Dhiirri ana jedhe, gaafa jaalalaan kufu, sodaatu qaama isaa eenyummaa isaa weerara. Jaalalli moo’amuu, injifatamuu, qabamuu ta’uu isaa amanee simata. Shamarris akkasuma.

Jaalalli, eeyyee injifatamuudha. Eeyyee miira dhugaa sana jalatti kufanii dadhabanii argamuudha. Jaalalli, sababa irraa bilisa bahanii dhugaa ofii jiraatanii eenyummaa ofii simatanii argamuudha. Jaalalli of too’achuu dadhabuudha. Kanaaf moo’amuu dha. Injifatamuu guddaadha. Jaalalli nama sodaachisa. Dhukkuba yaalamuun hin danda’amne. Madaa hin suphamne, imimmaan hin qoorreef, dhiphina hin darbine ta’uus danda’a. Kan sodaatamu, nama jaallatan osoo hin taane, jaallachuu mataa isaati.

Erga jaallattee immoo, ana wanti jettu hundi ni dhabama. Ofii keetiif haftee taata. Eeyyama keetiin, of caalchiftee  ofii keen olitti namni yaadduu fi yaadduuf uumama jechuudha. Jaalalli Waraana lolaa tokko malee, harka kennachuudha. Jaallatanii simachuu, ofirraa adda bahuu, baduu, jireenya nama hin beekneef, addunyaa nama biraa keessa godaananii jiraachuudha.

Jaalalli,sodaachisaadha. Dhiira yookan Dubartii waan taaneef miti kan jaalala sodaannu, Nama waan taaneef qofa. Eenyumma keenya yoo taaneyyuu, daandii jireenya keenyaa too’achuu yoo dadhabneyyuu, karoorsuuf, yaaduu ni dandeenya. Jaallachuu jechuun garuu kana hunda dhiisuu jechuudha.

Jaallachuu jechuun, waan kana dura karoorsan, yaadan, murteessan, hunda boolla naquu jechuudha. Maaltu akka dhufu, maaltu akka uumamuuf maaltu akka ta’u beekuun ni hafa. Sababni isaa, too’annoo ofiitiin ala ta’ee, jaallachuudhaan bakka bu’ee waan jiruuf! Jaalalli kana hunda kallattii isaaf toletti godaansisa. Waan hunda si wallaalchisa.

Homa wallaaluun immoo nama sodaachisa. Jaalalli immoo fakkachuu ni balleessa. Ni dhabamsiisa. Kanaaf, hojii, beekumsi hiriyaan fi wantoonni kana fakkaatan hundi too’annoo humna jaalalaa jala oolu. Hiika dhabu. Kana hundarra garuu kan nama sodaachisu, jaalala dhiisuudha. Jaalala dhiisuun baay’ee nama sodaachisa. Jaalalli sababa hin beeku, filannoos hin beeku”.
Waanin beekuuf dubbiseerraa!

Akkas turee!

Garaan ani ishiif qabus; Galaa ishiin anaaf qabdus kan eenyuun illee tilmaamuu hin dandeenye dha!. Fuula ishii ilaaleen fuul-dura kootti jabaadha, beela, dheebuu, dadhabbii, jecha namaa obsa.

Gorsi ishii dheekkamsa keessa adabee na deebisa; Abdii natti hora. Lafa abbaatti, Obboleessaatti, obboleettiitti, Hiriyyaan itti waamamuti ani ishiin waammadha. Qaba jedhee kanin ija guutee himadhu, ittiin dhaadadhu tokkittii koo qofa.

Harka ishii hiyyummaan goolee, naaf dhama’uun macheesse sana keessaa cuurii ishiin naaf kennitutu qooqa koo kaasee na quubsa. Coomni harka biraa nan mararu. Dhabdus qabannaan harka ishii fuula koo haxaa’ee qofaan naaf ibsa ture. Ana malee eessallee hin deemtu, bakka baqaas, bakka dhaqaas, nuti lachuu wal malee hin qabnu. Fira itti dheensinuus, fira nuuf dhimmus hin qabnu, ana jireenyi joorsitiifin bahee gala malee ishiin tasumaa manaa hin warraaqxu. Walumaaf wal qabna, walumaan waliif malla, walumaaf waliin galla.

Agartuu koo jedhee kanin moggaaseef waggaa 5 ijji koo lamaan jaamee kan ture, karaa irra teessee kadhattee, humna ishii gurgurtee, uffata dafqa namaa miiccitee, agabuu bulaa, harka tokkoon na harkiftee na deemsisaa; gufuu koo naaf gufattee, liqeeffattee, qixxeeffattee na yaalchifte.

Sana irrattidha kan ishiin firaafi horma afaaniin ishii bira jiranirraas abdii ishii kutatte. Ishiin ilaallata koodha,  bakka kamittuu ishiin ilaalladha. Ija kootu ishiidha.

Har’a kunoo ergan ifa keessatti dukkanaan golgamee, biiftuun abdii kootii narratti dhaamtee, jamaa keessatti ergan kophaa ta’ee, aduu keessatti erga natti dhaamotee, argaan koo erga na dhaamtee, arrabni koo erga abbaa itti dubbatu dhabee, gurri koo erga waan kamuu dhaga’uu didee ji’a 6 ta’eera.

Gaafas garuu si dadhabe osoo naan hin jedhiin umurii koo guutuu na dandeeessee; jireenya ishii naaf jiraatte, jireenya koo cuurtee ijaartee turte. kunoo waan laman yaada tokko komii; tokko mamii. “Jireenya ishii malee akkan ani hin jiraanne na goote”  jedheen komadha. Gaaf gaafimmoo na dadhabde, ittin cime, nan dadhabsiise, na nuffite, ba’aan itti ta’e jedheen mama.

Garuu waan kamiyyuu ta’u; na gattee eessa akka deemte, na dhoksuun ishiis gara jabummaa ishii natti ibsa. Tariimmoo Agartuun koo anatti garaa hin jabaattu jedheen amanuu dadhaba. Guyyittii dhumaa baatu sana; ganama gaafan biraa bahu akkuma yeroo kaaniitti eebbiftee, dhungattee, soortee na gaggeessite.

Galgala yeroon galu; faallaa guyyoota kaan na barsiiftee natti taasifte.  Balbalattis, jireenya koottis furtuu gootee na dheensite. Ni galtii, ni dhuftii, jedhee osoon ala eeguu ji’oonni anaaf dukkaanumaan wal furaa ji’a 6 ga’an, jireenyi koo ishiin ijaartes manca’ee badeera.

Amma raamaca jireenya kootti baba’e kana baadheen, uffata keessatti maraadhee,  gaabbiidhaan quba of nyaadha. “osoo Konkolaataan ija koo jaamse sun lubbuu koo jaamseera ta’ee, osoommoo yaalamuun koo hafeera ta’eeyyuu? achiin dukkana hin deebinetti galeera ta’eeyyuu?” jedheen Uumaatti guungumuus dadhabeen sammuu koo madeessaa jira.

Silaa maallaqa Agartuun  koo natti baafte sanaan jiraattii laatan? jedha. Gaabbiin, imimmaan, yaanni, yaaddoof yaadannoon bakka afuurri ishii jiru natti himuu hin dandeenye, faanni koos faana ishii hordofuuf karaa wallaale.  Agartuun koo, eessa buute?

Miidhama koo inni caale
Akka keettin hunda ilaale

Na wal’aantaaf ani si eeguu
Na awwaaltee yoon si argu

Osoon…
Si’iin boonuu; naaf falmitaaf
Gu’aa jiruu koo naaf elmitaaf
Qullaa koo naaf dhoksita
Mudaa koo naaf obsita.
Badii koof na gorsita

Osoon jedhuu, osoon fedhuu

Ati garuu faallaa taatee
Ati garuu hulaan baatee
Fira keessaa diinaaf kaate
Ana kunoo sareen nyaate!

Erga keetii lafa cabaa
Erga keetii baqa gabaa
Jiileera! dhugaa sittin hima
Kaan amanuun natti cima

Haa Jiraatu namuu!

Yoo garaa jabaates,
Osoo harkaa qabuu
Agabuu si bulchus,
Osoo nyaanni samuu
Ija keellee hinargu,
Yoo siin jedhes lamuu
Jaalalaan simadhu
Haa jiraatu namuu!

Dhangaan si simatee
Nyaattus Damma daamuu,
Dhagaan si falaxee
Taatuus nama araamuu,
Osoo gaarii ooltuu
Dhabdus gaarii kamuu,
Badii namaa hin yaadin
Haa jiraatu namuu!

Ijasaa siif kennee
Kan bakkakee jaamu,
Osoo ati hin beekne
Kan manakee saamu,
Hundaaf aduun baatee
Facaasee haa haamu,
Galmee warqeerratti
Seenaan isaa waamu,
Hundaaf barri jira
Guyyaan seeneffamu,
Ormas ta’ee fira
Haa jiraatu namuu!

Fira hin qabu
Gad xiinxalee gaafan yaaduu
Namni anaan nan barbaadu.
Ciree – soree namaaf tumee
Hurgufameen ofiif dhume!

Dharra’ee dhangaan naan ta’u
Hojjedhees biddeen naan ba’u
Qooda namaaf osoon cabuu
Ani garraamiin fira hin qabu!

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *