Don’t Make Fun Of Yourself/ Ofitti Hin Qoosiin
Don’t Make Fun Of Yourself/ Ofitti Hin Qoosiin
Namni akkamitti “guyyaan natti dheerate. Yeroon dafee deemuu dide. Maalittin yeroo dabarsa. Maalittan yeroo koo guba”? jedhee dhiphataa? Ana wanti yeroo argachuu caala natti mi’aa ta’e hin jiru. Osoon beekin dhiitee naaf bariiti.
“Osoon dufunfunuu, osoon bakka kudhanitti of ciruu sa’aatiiwwan guyyaatti jijjiiramu, guyyoonni torbanitti, torbanoonni ji’oottatti, ji’oonni waggoota ta’u. Gammachuu guddaan garuu, yeroo qabdutti waan xiqqoollee taatu hojjechuudha. Sana keessa gammachuun jira. Sana keessa fayyaan, si’aayinni, abdiin jira.
Warra yeroo dabarsuuf bakka hin malletti of qisaasessan ilaaleen, osoon bakka isaanii ta’ee jedhee hawwa. Silaa waan hedduun yeroo isaan balleessaa jiran sanatti dhimma baha. Bashannanuuf, sochii sammuu keetii gahaa akka ta’e bari. Hojiin ati hojjettu, jabina qama keef, gahumsaaf cimina sammuu keef, hubannaa jireenyaa keef, murteessaadha. Of leenjisuu ta’a jechuudha.
Yeroon qabeenya qaaliidha. Waan hojjechuu qabdu, yeroo qabdutti fayyadamii hojjedhu. Gaafa yeroo kee waan bu’aa siif hin buufnerratti gubuu eegaltu, ati fayyaa ta’uu kee shakki. Rakkoo cimaa qabaachuu kee beeki. Tariimmoo addunyaa sammuu kee haguugdee jiraachuu kee hubadhu.
Jabaadhaa mee! Gaafa qixa umurii keenyaatti hojii nu gammachiisu hojjenne, Umurii keenya isa dhugaa himachuu hin dhoksinu. Umurii keenya gatii guuddaa wajjiin lakkaa’uu qabna. Umuriin homaa ittiin hin hojjetin lakkaa’uun dhuguma nama saalfachiisa”. Jedhan!
Waan ati har’a akka qoosaatti gara jireenyakeetti fiddu bor kiyyoo ta’ee xaxee si kuffisa. Kufaatii dhagaa irraa. Kufaatiin dhagaa hamaadha, kan fuula muuja’urra kan ilkaan namarraa fixu.
Waktiin kun, osoo hin beekiin bara nuti albee mataa keenyaa itti qarachaa ofitti qoosaa adeemnudha. Balaa inni bor nurraan gahu osoo beeknuus osoo hin beekiinis.
Walumaagala, gaarii ati gootuuf shaakallikee guyyaa har’aa bor si milkeessuufis hiriyaa biraa qossa’ee si hambisuuf shoora olaanaa taphata. Hin goyyomiin ni darba, darbee si gaabbisiisuuf of si jibbisiisuuf jira.
Ofiikee irratti hojjedhu, nama har’a waan arge laaqee bor du’a hawwu ta’uuf of hin qopheessiin. Gaafa dubbisuu keegaltu beektaa, addunyaa sammuu kee isa haaraa keessa jiraachuu eegalta. dubbisuu eegaltu, addunyaa keessa jirtu raajeffachuu eegalta.
Fayidaa balleessuun qabuuf tolchuun fidu, bu’aa lamaan gidduu jiru hubatta. Gaarummaa filatta. Gaafa dubbisuu eegaltu beektaa, waan gaaffii sitti ta’uuf deebii argachaa gaaffii hedduummoo uumta?
Gaafa dubbisuu eegaltu,amala namootaa, fi garaagarummaa yaadaaf ilaalcha namaa, hubannaa dhala namaafi eenyummaa dhala namaa baruu eegalta. Namni hundi akka kee akka hin taaneef uumamni hundi namummaa isaatiin ala, dachaa fagoo waan sirraa adda taasisu qabaachuu isaa barta. Akkuma sammuu isa qoratee barreessee atis qorattee baruu, barreessuu feeta.
Jireenya kee gammachuu, boqonnaa sooraa jiraatta. Dandeettii keef, bakka gahumsa kee isa si jalaa dhokatee argachuu eegalta. Naannoo keef namoota naannoo kee jiraniif fakkeenya ta’uu eegalta. Jijjiirama fiduu jalqabda…!

Yeroo dubbisaatti;…
Jalqaba irratti fedhiin dubbisuuf qabdu daran keessa kee jiraachuu qaba. Dirqamaan waan keessi kee hin feene calliftee dubbisuun, miira keef hiika kennuu waan hin dandeenyeef. Kanaaf fedhii dubbisa kee dhaggeeffadhu. Yeroo dubbisaaf qophaa’aa taatutti garuu dhimmoota ijoo kana hin dagatin….. Kitaabicha dafii ariitiidhaan callisii dubbisuu eegali. Tarii gara baafata itti aanuutti darbuuf si’aayina horatta ta’a. Ariitiin dubbisuu keetti bohaarta ta’a. Garuu kan dubbisaa jirtuuf, beekumsa argachuuf, of jijjiiruuf,ittiin gahumsa kee hubachuuf, jiruuf jireenya hawaasa tokkoo beekuuf taanaan immoo, duubatti deebi’i. Tokkoon tokkoon baafata kitaabichaa suuta gadi fageenyaan dubbisi.
Suuta suuta haguma ooltee bultu, yeroo qabdu qusachuudhaan, ofiitti si harkisaa deema. Bu’aa akka argattu si taasisa.
Yeroo dubbiftu, waan dubbifte irratti xiqqoo yaaduuf dubbisa addaa kutuudhaan waan baafata duraa irratti dubbifte yaadi. Gorsa yoo ta’e gorsicha yoomiif akkamitti hojiirra oolchuu akka qabdu yaadi. Miidhama yoo ta’e miira miidhamichaa keessatti of yaadi.
‘Irsaasii’ ‘qalama’ fi ‘Maarkerii’ waanuma qabdu harkatti qabadhu. Yaadota si fayyadan, gorsa, akkasuma fakkeenyummaa yeroo hunda yaadachuuf argachuu feetu jala sararachaa, halluu dibachaa deemi. Yaadachuuf illee baay’ee sin rakkisu.
Barruulee yaadannoo qabadhu. Achirratti yaadota argatturratti yaadota yookan ilaalcha kee dabalii barreessi. Mormii ykn gaaffii qabdu barruu yaadannoo keerratti baasi.
Daftee dagachuu waan dandeessuuf kitaaba dubbiftu keessatti dhimmoota ijoo, haala keessatti si gargaaruu fi yaada sammuun kee amanee fudhateef itti gammade, deddeeb’ii dubbisi.Isa dubbifte sana immoo hojiirra oolchuuf yaali.
Kitaabni dubbiftu barnootaaf, waa irraa hubachuu waan ta’eef, sana argachuuf ammoo, yeroo kennuu, obsa qabaachuu fi ergaa kitaaba dubbisaa jirtu irraa argatte immoo, qabatamaadhaan hojiitti hiikuf yaaluun murteessaadha. Kitaabicha akka akeektuu hojii keetti ykn akka hoggantuu gocha keetti itti fayyadamta jechuudha.
Kitaabni dubbisaa jirtu kun, haala maatii, dhimma jaalala, haala yeroo, haala galii irratti ta’uu mala. Barsiifni kitaabicha keessa jiru yeroo akkamiif, haala akkamii keessatti akka si fayyadan yaaduu qabda. Hojiirra oolchuuf dubbisaa karoorsita. Galatoomaa! Akkasumaan hojii online irraa barbaaddu yoo ta’ee application kana iddoo Install jedhu xuquu buufadha hojii jalqaaba carraa gaarii