BARRULLEE

Of Gaggeessuu (Self leadership)

Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu jira. Kanneen keessaa tokkoo fi isa jalqabaa kan tahe of gaggeessuu dha.

Kun immoo gosoota gaggeessummaa keessaa ulfaataa kan ta’edha. Ogeeyyiin gaggeessummaa hedduun of gaggeessuun gaggeessummaa isa jalqabaa akka ta’ee fi salphaatti kan hin ilaalamne akka ta’e ibsu.

Of gaggeessuun imaammata mataa ofii danda’e qaba. Isaan kana gabbifachuun immoo dandeetti of gaggeessuu ni dabalu. Isaanis:

1) Of beekuu/ self awareness/

Inni kun akka nama dhunfaatti sonawwan jireenya ofi beekuu, ciiminaa fi dadhabina ofii beekuu, of madaalaa deemuu fi namoota irraa dubdeebbii fudhachaa deemuu of keessatti qabate.

2) Of hoggannuu/ self management/

Inni kun ammoo dandeetti yeroo ofii bulchuu fi miira ofi bulchuu of keessatti qabata. Kana guddisuuf ammoo akka toftaatti kan nu fayyadan: waan gaarii ofitti himu/positive self talk/, hiriyaa irraa dubdeebbii fudhachuu, waan tahu barbaadnu fakkiin kaa’uu/ visual board/ qabaachuu fa’adha.

3) Of sissi’eessuu/ self motivation/

Si’aa’iinaaf wanti barbaachisaan tokko fi guddaan galma ofii beekuudha.
Si’aa’iinni= Galma + Humna(energy)+ Xiqqaa irraa eegalani hojjachuu dha.

4) Of guddisuu ykn of barsisuu / self development/:

Akka nama of gaggeessuu tokkotti guyyuu dubbisuu, leenjii adda addaa fudhachuu fi namoota nu gorsan yookiin mentor godhachu barbaachisa.

5)Of gamaagamuu/ self reflection/:

Guyyuu waan keessa ole of gaafachuu fi ciiminaa fi laafina keenya adda baasaa deemuu fi jireenyi keenya haala kamiin akka deemaa jiru beekuu barbaachisa.

Akka walii galaatti dandeetti of gaggeessuu kana guddisuuf  tooftaaleen fayyadan
1) Mul’ataa fi galma ofii haala SMART ta’een kaa’achuu
2) Yeroo keenya matrix of urgent and important fayyadamuun sirnaan hogganuu
3) Bilchina miiraa ofii guddisuu
4) Nama har’aa irra dhaabbatanii boritti eessa gahuuf akka deemnuu fi addunyaan garam deemaa jirti beekuu/proactive/

Mukaa’uufi Miira yaadda’uu iitisuuf

Lubaa fi beekaa biyya Biriteen kan ture Burton,beekumsaa fi qaroomina dhala namaafi wal’aansaa irratti bara falaasama Giriik durii ture irraa kaasee waan waggoota kuma lamaaf biyya lafaa kannarra ture walitti qindeessuun jaarraa 17ffaa keessa kitaaba kana qindeesse.

Barreessaan kun ofiisaatiis rakkoo mukaa’uu fi miira gaddaa fi gadadoo yaada hammataa keessa ture.waa’ee ofii isaa irraas beekumsa guddaa horateera.
Kitaaba kana Gaazexeessituun biyya iskootland Amy Liprot kitaaba kana irra deebin bara 1960 maxxansiteetti.
Maloota furmaata Mukaa’uu shan

↪️ Miira Ofii hubatanii of bashannansiisuu

Rakkoon mukaa’uu fi gadduu dhibee dhaalaan darbuudha jedha kitaabichi.
Har’as mukaa’uun dhaalootaan akka dhufuu fi haala naannoorraa kan mudatu ta’uun ni beekama.Ani illee kana beeka!
Ani akka kootti namoota wajjiin hariroo gaarii qabachuun furmaatan jedha.

↪️ Faayidaa bishaan qorraa
Yuunivesiitii portsmouth

Biyya UK keessatti argamutti Daarektara Qorannoo Laabratoorii haala naannoo kan ta’an Dr.Mike Tipton’bishaan qorraa barannaan miirri mukaa’uu namarraa ka’a.haala kanaan fiiziyooloojii fi seelii ofii wal’aanuun ni danda’ama.bishaa ho’aa caala qorraan qaama dhiqachuutu caala gaariidha jechudha.

↪️ Umamaatti michoomuu
Pirofeesarri Simon Hiscock

Daarektara iddoo kunuunsa biqilootaa Okfoord kan UK keessatti argamuuti.biqiloonni waan  nyaatamaniif qofa nama hin quufsan kan fooliifi qaqqabannaan isaanii dharraa nama baasu  hedduudha jedhe.

↪️ Rakkoo qooddachuun rakkoo salphisa

“karaan ittiin rakkoo nurra tuulame salphisnu yaada keenya hiriyoota keenyaaf qooduudhaani,ofii keenyaaf qofa ofirratti feenee baannee deemuudhaan miti”jedhe.
Namoonni jireenya kophaa fi dhuunfaa filatan kanneen rakkoo mukaa’uuf saaxilamaniidha.

Har’a rakkoo mukaa’uu fi yaadda’uun qabamtee mana yaalaa yoo deemtu doktarri akka biyya keenyatti dawwaa siif ajajuu danda’a, garuu biyyoonni akka Denmaark,kanaadaa fi UK hariiroo hawaasummaa cimaa akka qabattu si gorsu.hariiroo jaalala nama hunduma wajjiin qabadhun jedha anis.

↪️ Hojii Ofirra hi tuulin,hojii malees hin taa’in Haati too yoo duute nattis hin himinaa ,nas hin dhooksinaa akkuma jedhe leenci,hojii malee taa’un maraatummadha,hojii ofi irra tuulinis akkasuma hojii tokkoofi lama akka malee yoo of irra tuulle wantoota nu barbaachisu biroo daganna.kanaaf hojiin keenya madaala yoo eege wayyaa.

Amaloota isaa Torban
↪️ Joobirri ol-ka’insa guddaarratti qofaasaa balali’a.

Kan akka quraa, guugee fi simbirroota xixxiqqoo biroo wajjin tasumaa hin balali’u. Iddoon inni oolus bulus nyaatus  kan kaanirraa adda.

Hiikaa:- Namoota yaada dhiphataa qaban,bakki olmaa isaani sin madaalle, haasan isaani kan nama hin madalle fi jireenyaa kee jeeqanii olka’insa keerra gadi si buusuu fedhan irraa fagaadhu. Hammakee bari warra si madaalan walin jireenya kee qajelchi.

↪️ Joobirri mullata dhugaa qaba.

Waa tokko adamsee qabuuf dandetti 5 km irratti ilaaluu qaba. Wantoonni isa gufachiisan yoo jiraataniyyuu amma wanta adamsee qabachuf yaade sana qabatutti xiyyeeffanna isa tasumaa irraa hin kaasu.

Hiikaa:- Wanta bira ga’udhaf yaadde ykn harkakeetti galfachudhaf yaadde tokko amma qabatutti biraa hin hafin rakkinni baay’een si mudachuu danda’a .Rakkina obsaan darbaa karaa kee tolfadhuuti isa aggaamtef sana itti fiigii qabadhu. Jalqaba garuu ilaalcha kee tolchi.

↪️ Joobirri  waan raqa ( du’aa) in nyaatu.

Wanta lubbuu qabu qofa nyaata.
Hiikaa:- Atis hamma kee beeki. Waan sammuu kee nyaachiftu adda baafadhuu bari. Wantoota gaggaari fi mullata haara ta’e qofa sammukee soori. Gatiin kee guddaa wan ta’ef iddoo jirattus beeki.

↪️ Joobirri rooba guddaa fi obobolettii guddaa jaallata.

Sababni isaas yeroo roobaf bubbee kanatti dummessa gaarrarraatti ba’a. Isa simbirroonni biroon sodaatani rommani muka jalatti namman, inni akka carraatti itti fayyadamee duumessaa gaararraa bahee asi gadi ilaalaa irra bashannana.

Hiikaa: Rakkina sitti dhufu hunduma akka carraa milkaa’inaatti itti fayyadamuu qabda. Mudannoon rakkisaan si muudatu kamiyyu karaa ittin olka’insa kee dabaltu ta’u qaba malee kufaati keef sababa ta’uu hin qabu.

↪️ Joobirri shaakallif of qopheessa.

Kan nama dhibu joobirri tokko akkaata itti balali’an baruudhaf ykn shaakaluudhaf mandhee keessa jiraatu keessaa wantoota isaaf mijatan hunduma guuree baleessa. Kana jechuun wantoota dhiba’inaaf karaa Isaaf banan kan akka marga lallaafa kanafa digee baleessa.sana booda mandheen isaa kun keessa turuudhaf waan itti in tolleef ka’ee balali’udhaf dirqama jedhuudha. Akka kanatti kallatti hundumaan balali’ee shaakkalli isaa gaggeessa dandeetti isaa dabalata.

Hiikaa: Milkaa’ina isa caaluf lafa mijataa in barbaadini. Baay’een keenya milka’ina caaluf shaakallii in goonu. Isuma keessa jirrutu nutti ho’a. Kun rakkina namoota baay’edha kanaf jireenya kanarra kan darbe kan biraa waan jiruuf kaanee haa tattaafannu.

↪️ Joobirrii yeroo ummurii dargaggummaa isaa xammure humnisaa dadhabaa dhufa. Baalllen isaas harca’a adeemu.

Kana jechun akka yeroo dargaggummaa isaa lafa dheeraa balali’uu hin danda’u. Kanaaf gara gaarotaatti olba’ee kattaa jalatti galee, qaama isaa isa moofaa harcaafatee qaama haaraa uffatee bareedee humna haaradhan jireenya isaa itti fufa. Bara cimaa ture garuu yeroo dadhabee katatti galee humna isaa haareffatu hiriyaa joobira nyaata isaaf guuree kennuf godhata. Hiriyaa isaatu bara rakkinaa isa soora.

Hiikaa:-Akkuma Joobirri humnisaa dadhabuusaa of irratti argee kattaatti galee humna isaa haareffatu; atis dhaabadhu of ilaali.
Humni kee
   Beekumsi kee
   Dandeettin kee
   kadhannaan kee
    Faarfannaan kee
    Lallabnikee fi kkf isa kaleessatirra si jalaa gadi bu’an taanan akka joobiraa golatti ol-galii dhokadhuuti  Eenyummake isa lafa fagoo akka hin geenye sakaalee siqabe ofirra harcaasii qaama haaraa uffadhu.

Hiriyaas gaafa baaftu hiriyaa yeroo ifaa akka gaadidduu sitti dhufee yeroo dukkama’u sirraa dheessu utuu hin tane. Bara rakkina kan galaa sif ta’u godhadhu.

↪️ Qajeelfamni inni dhuma baay’ee na dinqiisisa. Joobirri isheen dhaltun akka dhala namaa kana abbaa manaa godhachuf ulaagaalee joobirri inni dhiiraa guutuu qabutu jira. Innis akkasi. Jobironni dhiiraa baay’en joobira ishee dhaltu bira dhufu.

Isheen dhaltun immoo warra dhufan keessaa kan isheedhaf ta’u. Kan jaalala dhugaa qabuf adda baastee beekudhaaf qorumsa guddaa qorti. Innis, lafaarraa wanta akka mukaa tokko fuutetu gara samitti ol balaliiti joobironni ishee barbaadan hundumtuu duukaa balali’u. Sana booda saa’ati 4 olif qilleensa keessa erga balaliitee booda lafa baay’ee rakkisaa irra qubachuudhaf nama rakkisu yeroo geesse muka baattee jirtu sana gadi dhiisti.

Sana booda warri dhirotaa duukaa fiigan sun muka isheen gadi dhiiste sana utuu lafa hin xuqin duukaa fiiganii qilleensa iratti  qabuu qabu. Isaan keessa inni muka sana utu lafa hin xuqin qabe isheetti deebise fide abbaa mana ishee kan amma du’aatti ta’a. Inni Qorumsa baay’ee booda argate wan taef irraa adda hin bahu.

Hiikaa:- Atis arruma ka’ee nama sifan du’a sin jedhu/tu dhiisiti nama walitti dhufeenya kabajamaaf barbaaddu sirritti qorii ilaali.

Namuma balbala onnee kee rurrukute hundumaaf arifatte balbala hin banin. Sababni isas namoonni tokko tokko akka ijoolle balbala rurrukutanii fiiguu jaallatu wan ta’ef. Inni dhiiratis isheen dubaraatis haala joobiraa kana irraa baradhu.

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *