BARRULLEE

Eenyummaa dhugaa keessa kee jirutti gammadi.

“Ati kan uumamte jireenya gammachuu qabu akka jiraattuufi. Waan jaallattuuf waan barbaaddu hunda argachuu ni dandeessa. Hojii kee gammachiisaa akka ta’u gochuuf akkasuma waan eeyyama kee raawwachuuf, homtuu sin daangessu.

Walitti dhufeenya Maatii fi hiriyoota kee wajjiin qabdu gammachuun akka  guutuuf kan yaadamedha. Jireenya guutuu ta’eef gammachuu qabu gaggeeffachuuf isa nu barbaachisu maallaqa argachuun ulfaataa miti.

Jireenya si barbaachisu sana jiraachuu qabda.
Daawwannaa barbaadda taanaan, yeroon kan daawwannaati. Hojii  daldalaatti hirmaachuu yoo feetes akkasuma. Leenjii shubbisaa, barnoota Afaaniis fudhachuu barbaadda taanaan gammachuudhaan raawwadhu. Wallisaa, Saayintist, Hojii kalaqaa, hojii waltajjii, ,Daldalaa, maatii horachuu, yookaan immoo waan ta’uun si gammachiisu kan biraa yoo jiraate, kan uumamte sanaafi.

Guyyuu yeroo hirriiba keerraa kaatu, guyyicha wantoota  gammachuudhaan guutamaniin akka dhufe waan beektuuf gammadi. Guyyichi kan itti gammadduuf, wantoota si gammachiisan maraan kan guutame ta’a.

Ciminaaf haalota gaarii ta’aniin guutamuu eegaltas.Ofii keetti, yaadota si onnachiisan, yaadota gaggaarii of keessa bulchi.  Gatiin ati ofiif kennitu, maallaqatti jijjiiramuu akka hindandeenyes beeki.

Jireenya keessatti rakkinoonni ni jiraatus ni jirus. Akka guddattuuf wan si gargaaraniif rakkinoonni
barbaachisoodha. Garuu rakkinootaaf gufuuwwan kanneen akkamitti akka simachuu  dandeessu beekuun sirraa eegama.

Walmormii siif jireenya gidduu jiru mo’achuun sirra jiraata. Jireenya gaarii gammachuu qabus jiraachuu ni dandeessa.

Kan uumamte jireenyaan mormuuf miti, kan uumamte jireenyi hadhooftuu taatee akka sitti argamtuufis miti. Torbanoota hojiidhaan qabamtee dhuma torbanii qofa bashanannuuf tasa hin uumamne.

Gaddaaf, sodaa fi dhiphinaan raakamuuf miti kan uumamte. Hiikni jireenya kee maali? Jireenya jalqabaa haga dhumaa urguftee ilaaluuf, jiraachuun immoo waan fedha kee kan itti argattu, yaada fayyaalessaaf kan jaalalaan guutame akka ta’uufi, kan addunyaa irra jirtu kanatti dabalamteef! Waan fedha keef waan ta’uu feetu ta’uuf humni guddaan itti dhiyoo jiru si’i.”

Jaalalli bari hin ariifatu.

Humna guddaa qaba. Humni jaalalaa miira amma ibbidda ta’ee booda dhaamu miti. Ilaamee obbolee koo!  Hin ariifatin. Miira amma obsa si dhorku fi Miira jaalalaa walitti hin hidhin. Wal hinargani.

Jaalalliif Miirri walii adda. Miirri waan fedhii kee haga argatutti matatti ol si laboobee si waada. Jaalalli suuta qaama kee eenyummaa kee too’ata. Waanti calaqqisuuf wantoonni ijaan argaman, harcaatuun gatiin qabneef jaalalli walii adda.

Jaalli gatii isaa, humna isaaf, bakka isaa cimsee beeka.

Obboleessa koo, erga jaallattee ishee jaallatte kunuunfadhu. Guyyaa guyyaan wal fedhuun keessan, waliin dubbiin keessan wal arguun keessaniif, waliin turtiin keessan taatee haaraa keessumessuu danda’u qaba. Jaalalli keessan haguma guyyaan haaraan dhufu, taatee haaraa fidee dhufuu isaa yaadi. Kaleessas har’as waanuma tokko miiruma tokko, taatee tokko jaalalli hin fedhu.

Kan jaallatte miiratti hin hirkisin. Sun tasuma adda isin fageessa. Turtii daqiiqaa muraasaa gidduutti turtii keessan bilaasha gootaa eeggadhu. Jaalalli kee jalqabuma miiraa keetiin wal morma taanaan dhiisuu siif wayya.

Osoo miira bira hin gahin, Kabaja, ulfina, bakka addaa jaalalaaf kennuutu dursa. Humna jaalalaaf bitamuutu dursa. Hirree jaalalaa beekuutu dursa. Kanatti yoo amante, Waan jaalalli sitti fide hunda baachuuf danda’uuf qophaa’aa taata.

Walitti dhufeenya keessan keessatti, wanti hawwiidhaan eegdan tokko jiraachuu qaba. Sun cimsee walitti isin hidha.

Inni guddaan Jaallachuudha. Jaalalli immoo maaliin daangeffama ree?  Jalqabuma jaalala  haalotaan sababeeffamen ” jaalalan qabame” jettee yaadda taanaan dogoggora.

Erga ishee jaallattee, jaalala moosiftee argamuun dirqama jaalalli sitti kennedha. Miti taanaan kunis jaalala miti.

Har’uma fedhii foon koon tasggabbeessa jechuunis kufaatii biraati malee jaalala miti. Jalqabuma jaalalatu isheetti/ isatti si fide osoon taane, fedhii foonichaati.

Kana keessatti immoo dogoggora hedduu uumta. Jireenya kee keessatti tarii waan sirreessuu hindandeenyeef saaxilamta. Kanaafuu, Jaalalli dhugaan bakka itti of murteessu qaba. Hinariifatu.

Eenyummaa dhugaa keessa kee jirutti gammadi.

Isa namuu argee siif hin hubatu. Kan namoonni beekuu danda’an, eenyummaa kee isa alarraa mul’atu qofa. Seequu kee, dubbii kee, haala uffannaa keef gocha yookan raawwii kee qofa beeku.

Beeki, eenyummaa kee dhugaan, inni guddaan keessa kee jira. Isa keessa kee jiru hubachuuf baay’ee rakkatu. Ati garuu dhugaa isaan ala keerraa beekanirraa adda. Caalaatti nama gaarii ta’uus dandeessa. Caalmaattimmoo nama yaada badaa qabus ta’uu malta.

Gama kamiinuu, ilaalchi namoonni siif qaban keessa keetiin faallaa yoo ta’u, isa sirrii keessa kee beektuu sanaan of jaallachuu qabda. Isatti gammaduufi yaada isaan siif qaban sanirraa ati nama biraa ta’uu keetti gammadi. Yaadota keessa kee faallessan irraa dafii bilisa of godhi. Yaadota gaarii keessa kee jiran sana yaadi. Isatti boqodhu.

Shamarree Haadha deesseef Abbaa Buddeenaa bira jiraattu takkatu turte, Haati haadha ishee deesse. Abbaan Abbaa Ormaati.
Yeroo hunda lolamti, baay’ee ceepha’amti. Barnoota ishee cinaatti ergamtee boqonnaa tokko malee mana sana keessatti hojjettuu miindeffamte fakkaatti.  Maatii wajjiin jiraattu biratti akka dhala Ormaatti ilaalamti. Maatiin isheen waliin jiraattu hundi jechootaan madeessu. Ifatanii qalbii weeraru. Akka daa’imaa taphachuun, kolfuun yeroo boqonnaa qabachuun ishee bira hinjiru. Akkanumattuu ittin gammadan.

Osoo hojiif waliigadi fiigduu sa’atiin mana barnoota itti gaha. Achiis deebitu, ifannaaf Hojiidha.

Maatii mana sana keessa jiranirra garuu isheen qaama gaarii qabdi, sammuun ishee foon qaama isheellee jijjiiramaa deema. Gaaf tokko itti siqeen wajjiin haasa’e. “Silaa akkana si godhu, si abaaru, si arrabsu, si ifatu, hojii akkanatti hojjettan, garuu furdachaatuma bulta. Hin yaaddoftuu ?”  Jedheen gaafadheen?  Deebiin ishee na ajaa’ibe.

Akkas jechuun naaf deebifte;  “Ani bakka isaan itti na yaadan keessa hinjiru, Wanti sammuun koo xiyyeeffannaa itti kennu, barnoota koo qofa. Kanarra darbee hagan hojiif waan isaan fedhan sana raawwadhetti, ifannaa, abaarsa, jibbaaf, ceephoo isaanii maraaf takkaa of dhiphisee hinbeeku. Abadan takka yaadda’ee hin beeku. Waan fedhan yoo jedhan isaanirraan aariif dhiphinas dubbisa. Ofirratti immoo jabinaaf tattaafiin arga”  Jettee.

Dukkana baay’ee nannoo ishee marsee jirurra ifa xiqqoo keessa ishee jirutti xiyyeeffatte. Kanaaf yeroo hunda sammuun ishee boqote. Jechoota badaaf, jibba namoota naannoo isheerra jiran irra, gaarummaa xiqqoo of keessatti argitutti yaadni ishee gammade.

Olola nu dhiphisaniif nu jeeqanitti xiyyeeffachuurra, waan keessa keenya jiru dhaggeeffannee of hubachuutu bu’aa qaba.

Rakkoo umurii kee kana dura darbe keessatti si muudate kamiif bakka hin kennin.

Kan ati jireenya kee darbe keessatti bakka kennuufii qabdu,waan jireenyi si barsiifte qofa ta’uu qaba. Jireenyi mana bornootaa waan taateef jireenya kee darberraa barachuu qofa qabda.

Har’a garuu bakka kaleessaatti of ilaaltee, dhiphinaaf yaaddoo hamaatti of kennita taanaan waan hedduuf saaxilamta. Kophummaaf, of jibbuudhaaf, of xiqqeessuuf of tuffachuudhaaf,  kan kana fakkaataniif of saaxilta.

Kunimmoo jireenya kee kana boodaatti haalota keessaa bahuu hin dandeenyetti si geessa.  Dhiphina sammuu hamaaf si saaxila. Dhiphinni immoo fedhii nyaataa kee haaluma kamiif fedhii kee gadi buusaa deema. Boqonnaa sammuu dhabda. Fayyaa dhabda. Gatiin ittiin fayyaa kee deebisuu dandeessullee dhibuu mala.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *